2 bara mootummaa isaa keessa waggaa tokkoffaatti ani Daaniʼel dubbii Rabbii Allaah kan Ermiyaas nabiiʼiyyichaaf kenname irraa akka Yerusaalem waggaa torbaatamaaf ontee turtu kitaabota qulqulluu irraa nan hubadhe. 3 Kanaafuu ani deebii barbaadee duʼaa fi waammataan, soomaan, wayyaa gaddaa uffachuudhaa fi daaraa keessa taaʼuudhaan gara Allaah Gooftichaatti nan deebiʼe.
Publicidade