Galata Sababii Eebba Al-Masiihiin Argamuu
3 Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii inni karaa Al-Masiihiitiin eebba hafuuraa hundumaan shamaayʼun irratti nu eebbise sun haa eebbifamu. 4 Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis 5 akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Iisaa Al-Masiihiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse; 6 kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf.