Dhagna Al-Masiihii Keessatti Tokko Taʼuu
1 Kanaafuu ani kan Gooftaaf jedhee hidhame, isin waamicha itti waamamtan sanaaf akka malutti akka jiraattan isin nan kadhadha. 2 Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa. 3 Hidhaa nagaatiin tokkummaa Hafuuraa eeguuf carraaqaa. 4 Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira; 5 Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira; 6 Allaaha fi Abbaan waan hundaa, inni waan hundaa ol taʼe, kan waan hunda keessatti hojjetuu fi kan waan hunda keessa jiru tokkichatu jira.
7 Garuu akkuma safara kennaa Al-Masiihiitti tokkoo tokkoo keenyaaf ayyaanni kennameera. 8 Kanaafuu,
"Inni yommuu ol gubbaa baʼetti,
boojuu boojiʼe;
namootaafis kennaa kenne"4:8 Zab 68:18 jedha.
9 Egaa, "Inni ol baʼe" jechuun isaa dhidhima lafaatti gad buʼe jechuu malee maal jechuu isaa ti? 10 Inni gad buʼe sun isuma waan hunda guutuuf jedhee shamaayʼuniiwwan hundaa olitti ol baʼee dha. 11 Innis namoota tokko tokko ergamoota, kaan nabiiʼiyyoota, kaan lallabdoota injiilaa, kaan immoo tiksootaa fi barsiistota taasisee kenne; 12 waan kanas akka dhagni Al-Masiihii ijaaramuuf qulqulloota hojii tajaajilaatiif qopheessuuf jedhee godhe;