6 Akkasumas Ibraahim, "Allaah amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef."3:6 Uma 15:6
Muuxannoo Jireenya Ibraahim
7 Kanaafuu warri amanan ijoollee Ibraahim akka taʼan hubadhaa. 8 Katabbiin Qulqulluun akka Allaahan amantiin Namoota Ormaa qajeeltota taasisu duraan dursee argee, "Sabni hundinuu karaa keetiin eebbifama"3:8 Uma 12:3; 18:18; 22:18 jedhee duraan dursee Ibraahimitti injiila lallabe. 9 Kanaaf warri amantii qaban, Ibraahim nama amantii sana wajjin eebbifaman.