16 Ruut garuu akkana jettee deebifte; "Akka ani si dhiisu yookaan si biraa deebiʼu na hin dirqisiisin. Iddoo ati deemtu nan deema; iddoo ati jiraattus nan jiraadha. Sabni kee saba koo ni taʼa; Allaahan kees Allaah koo ni taʼa. 17 Iddoo ati itti duututti anis nan duʼa; achittis nan qabbarama. Siʼachi yoo duuti gargari nu baase malee yoo ani si dhiisee deeme Rabbii Allaahan na haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu."