Pular para o conteúdo
Publicidade

ኤርምያስ 29:4-7,10

ONOCV New Oromo Contemporary Version

4 ዋቀዮ ዋን ሁንደ ደንደኡ፣ ዋቅን እስራኤል ወረ ቦጁዻን ዬሩሳሌሚ ገረ ባብሎንት ጌፈመን ሁንዳን አከነ ጄዸ፦ 5 "መኔን እጃረዻቲ ኬሰ ጅራዻ፤ ብቅልቱ ዻበዻቲ እጀሳ ኛዻ። 6 ኒቲ ፉዻቲ እልማኒፊ እንተለን ዸልቻ፤ አከ እሳንስ እልማኒፊ እንተለን ዸልቸኒፍ እልማንኬሰን ኒቲ ፉስሳ፤ እንተለንኬሰንሌ ሄሩምሲሳ። እስንስ አችት ባይአዻ መሌ ህንጥናትና። 7 መጋላ አን ቦጁዻን እት እስን ኤርጌፍሌ ነጋፊ በዻዹማ ሀዋ። ዮ እሼን በዻቴ፣ እስንስ ዋን በዻተኒፍ እሼዻፍ ዋቀዮን ከዸዻ።"

10 ዋቀዮ አከነ ጄዸ፦ "ዬሮ ወጋን ቶርባተምን ባብሎኒፍ ኬነሜ ሱን ጡሙረሙት አን ገረኬሰን ዹፌን ዋዳ አከ እዶ ከነት እስን ዴብሱፍ ገሌ ሰነ ነንራወዸ።

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel warra boojuudhaan Yerusaalemii gara Baabilonitti geeffaman hundaan akkana jedha: 5 "Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa. 6 Niitii fuudhaatii ilmaanii fi intallan dhalchaa; akka isaanis ilmaanii fi intallan dhalchaniif ilmaan keessan niitii fuusisaa; intallan keessan illee heerumsiisaa. Isinis achitti baayʼadhaa malee hin xinnaatinaa. 7 Magaalaa ani boojuudhaan itti isin ergeef illee nagaa fi badhaadhummaa hawwaa. Yoo isheen badhaate, isinis waan badhaataniif isheedhaaf Waaqayyoon kadhadhaa."

    10 Waaqayyo akkana jedha: "Yeroo Waggaan torbaatamni Baabiloniif kenname sun xumuramutti ani gara keessan dhufeen waadaa akka iddoo kanatti isin deebisuuf gale sana nan raawwadha.

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    4 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel warra boojuudhaan Yerusaalemii gara Baabilonitti geeffaman hundaan akkana jedha: 5 "Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa. 6 Niitii fuudhaatii ilmaanii fi intallan dhalchaa; akka isaanis ilmaanii fi intallan dhalchaniif ilmaan keessan niitii fuusisaa; intallan keessan illee heerumsiisaa. Isinis achitti baayʼadhaa malee hin xinnaatinaa. 7 Magaalaa ani boojuudhaan itti isin ergeef illee nagaa fi badhaadhummaa hawwaa. Yoo isheen badhaate, isinis waan badhaataniif isheedhaaf Rabbii Allaah duratti duʼaa godhaa."

    10 Rabbii Allaahan akkana jedha: "Yeroo Waggaan torbaatamni Baabiloniif kenname sun xumuramutti ani gara keessan dhufeen waadaa akka iddoo kanatti isin deebisuuf gale sana nan raawwadha.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.