Publicidade

A palavra

Por Bíblia Online

A Palavra de Deus é viva, eficaz e mais cortante que espada de dois gumes. Ela é lâmpada, alimento e purificação — tudo o que o cristão precisa para viver e crescer em fé.

Dubbiin Allaaha jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.

Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,

dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.

Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna;

wallaalotaafis hubannaa kenna.

Dubbiin Foon Taʼuu Isaa

Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Allaah wajjin ture; dubbiin sunis Allaah ture.

Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.

Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.

Isin dubbii ani isinitti dubbadheen amma qulqulluu dha.

Iisaan immoo deebisee, " Namni dubbii afaan Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu jedhamee barreeffameera" jedheen.

Shamaayʼunii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.

Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Allaaha duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.

Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-