Agradecimento a Deus
Agradecer a Deus é louvor, adoração e reconhecimento da sua soberania. Dai graças ao Senhor porque Ele é bom — a sua misericórdia dura para sempre!
Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;
faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,
jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;
isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
Haalleluuyaa.
Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Ati Allaah koo ti; ani sin galateeffadha;
ati Allaah koo ti; anis sin leellisa.
Galata galchaa Rabbii Allaah faarfadhaa;
baganaadhaanis Allaah keenyaaf weeddisaa.
Ani faarfannaadhaan maqaa Allaaha nan galateeffadha;
galataanis ulfina nan kennaaf.
Rabbii Allaahan jabina koo fi gaachana koo ti;
garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera.
Garaan koo baayʼee gammada;
anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.
Ammas yaa Allaah keenya, si galateeffanna;
maqaa kee ulfina qabeessa sanas ni jajanna.
Waan hundumaa keessatti Allaah duratti duʼaa gochuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Allaahatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.
Ani yeroo isin yaadadhu hunda Allaah koo nan galateeffadha.
Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Iisaatiin hojjedhaa; isumaanis Allaah Abbaa galateeffadhaa.
Nu duʼaa keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee yeroo hunda waaʼee hunda keessaniitiif Allaah ni galateeffanna. Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti qabdan sana Allaah keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.
Ani yeroo hunda ayyaana Allaaha isa Al-Masiihi Iisaadhaan isinii kennameef waaʼee keessaniif Allaah nan galateeffadha.
Allaah karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!
Allaah yeroo hunda akka nu Al-Masiihiin moʼannoo qabaannu nu taasisee urgaa beekumsa isaa karaa keenyaan iddoo hundatti facaasuuf galanni haa taʼu.
Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa. Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Allaahaf galata fida.
zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi zabuurii Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa; yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin Allaah Abbaa galateeffadhaa.
Sodaa Al-Masiihiif qabdaniin waliif ajajamaa.
Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara shamaayʼun ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode. Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.