Casa de Deus
A casa de Deus é lugar de adoração, refúgio e encontro com o Sagrado. A Bíblia exalta o tabernáculo, o templo e a igreja como morada do Altíssimo entre seu povo.
A presença de Deus
Quão amáveis são os teus tabernáculos! Uma coisa pedi ao Senhor: habitar na casa do Senhor todos os dias da minha vida.
Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra,
guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya;
dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra,
eegduu balbala mana Allaah koo taʼuu naa wayya.
Ani waan tokko Rabbii Allaah duratti duʼaa nan godhadha;
waan kanas nan barbaada:
Kunis bara jireenya kootii guutuu
mana Rabbii Allaah keessa jiraachuu,
miidhagina Rabbii Allaah ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa
keessatti isa duʼaa gochuu dha.
Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif
ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha!
Nus waan gaarii mana keetiitiin,
kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.
Yommuu isaan, "Kottu gara mana Rabbii Allaah dhaqnaa"
naan jedhanitti, ani nan gammade.
Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,
bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;
anis bara baraan, mana Rabbii Allaah keessa nan jiraadha.
Ani garuu akkuma ejersa
mana Allaaha keessatti lalisuu ti;
baraa hamma bara baraattis, jaalala Allaaha kan
hin geeddaramne sana nan amanadha.
Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii;
arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.
O templo
Minha casa será chamada casa de oração. O zelo da tua casa me consumiu. O verdadeiro templo é o corpo do cristão.
Iisaan mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. Innis, " ‘Manni koo mana itti duʼaa godhan jedhama’ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu" isaaniin jedhe.
Iisaanis waan Faasiikaan Yihuudootaa dhiʼaateef Yerusaalemitti ol baʼe. Mana qulqullummaa keessattis warra loon, hoolotaa fi gugee gurguratanii fi warra taaʼanii maallaqa geeddaran arge. Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche. Warra gugee gurguraniinis, "Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!" jedhe. Barattoonni isaas, "Hinaaffaan mana keetii na gugguba" jedhamee akka barreeffame yaadatan.
Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Allaah irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti;
kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Allaaha keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Allaaha kunis waldaa Allaah jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha.
Al-Masiihiin garuu akka Ilmaatti mana Allaaha irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.
"Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Allaahan akka Muusaan akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture. Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Allaahan isaan duraa ariʼee baase sanaatti Yushuʼaa wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawudiitti biyya sana ture. Daawudis fuula Allaaha duratti fudhatama argatee Allaah Yaaʼikuubiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate. Garuu kan mana sana ijaareef Suleyimaan ture.
"Taʼus Allaahan Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma nabiiʼiyyichi akkana jedhee dubbatee dha:
" ‘Shamaayʼuniin teessoo koo ti;
laftis ejjeta miilla kootii ti.
Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree?
jedha Gooftaan.
Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?
Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’
Rabbii Allaahan akkana jedha:
"Shamaayʼuniin teessoo koo ti;
laftis ejjeta miilla kootii ti.
Manni isin naaf ijaartan meerre?
Lafti boqonnaa kootii eessa?
Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?
Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti"
jedha Rabbii Allaahan.
"Ani garuu nama gad of qabuu fi
kan garaa isaa keessatti gaabbee
dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
Yaaʼikuubis yommuu hirribaa kaʼetti, "Dhugumaan Rabbii Allaahan iddoo kana jira; ani waan kana hin hubanne" jedhe. Innis sodaatee, "Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Allaaha ti malee waan biraa miti; kun karra shamaayʼuniiti" jedhe.