Publicidade

Comunhão com Deus

Por Bíblia Online

A comunhão com Deus é o propósito supremo da existência humana. Fomos criados para viver em intimidade com o Criador — e em Cristo, esse acesso é plenamente restaurado.

Em comunhão com Deus

Deus é fiel, pelo qual fostes chamados à comunhão de seu Filho. A comunhão com Deus é dom da graça e fruto da redenção.

Allaahan gara tokkummaa Ilma isaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti isin waame sun amanamaa dha.

Isin akka mana qulqullummaa Allaaha taatanii fi akka Hafuurri Allaaha isin keessa jiraatu hin beektanii?

Dhagni kutaa baayʼee qabaatu illee dhagnuma tokko; kutaawwan dhagnaa yoo baayʼatani illee hundi isaanii dhagnuma tokko taʼu. Al-Masiihiinis akkasuma.

Ayyaanni Gooftaa Iisaa Al-Masiihii, jaalalli Allaaha, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.

Manni qulqullummaa Allaaha waaqeffatamtoota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Allaah jiraataa ti. Allaahanis akkana jedhee dubbateera;

"Ani isaan wajjin nan jiraadha;

isaan gidduus nan deddeebiʼa.

Ani Allaah isaanii nan taʼa;

isaanis saba koo ni taʼu."

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Al-Masiihitti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera. Kun hundinuus Allaah Al-Masiihiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe; kunis, Allaahan cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Al-Masiihiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera.

Presença divina

Eis que estou à porta e bato. O Senhor fez sua morada entre nós — e toda a criação é convidada à comunhão eterna.

Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.

Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Allaahan jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Allaahan mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Allaah isaaniis ni taʼa.

Anis saba Israaʼel keessa nan jiraadha; Allaah isaaniis nan taʼa.

Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii."

"Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf duʼaa hin godhu; kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan. Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera; kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.

Viver na comunhão

Quem permanece nele e ele no Senhor, esse dá muito fruto. A comunhão com Deus produz transformação e alegria.

Namni ajaja isaa eegu isa keessa jiraata; innis isa keessa jiraata. Kanaanis akka inni nu keessa jiraatu nu Hafuura inni nuu kenneen ni beekna.

Akkasumas akka Ilmi Allaaha dhufee akka isa dhugaa taʼe sanas beeknuuf hubannaa nuu kenne ni beekna. Nus Ilma isaa isa dhugaa sana, jechuunis Iisaa Al-Masiihitti jirra. Inni Allaah dhugaa ti; jireenya bara baraatis.

Inni waan Hafuura isaa irraa nuu kenneef nu akka isa keessa jiraannuu fi akka innis nu keessa jiraatu kanaan ni beekna.

Yaa michoota, jaalalli kan Allaaha waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Allaah irraa dhalate; Allaahas ni beeka.

Akka isinis nu wajjin tokkummaa qabaattaniif waan arginee fi waan dhageenye isinitti labsina. Tokkummaan keenyas Abbaa fi Ilma isaa Iisaa Al-Masiihi wajjin.

Ammas yaa ijoolle, akka yommuu inni mulʼatutti ija jabina qabaannuuf, akka nu guyyaa dhufaatii isaattis fuula isaa duratti hin qaanofneef isaan jiraadhaa.

Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin Allaah wajjin nagaa qabna. Ayyaana amma jabaannee ittiin dhaabannu kanattis karaa isaatiin amantiin galuuf carraa arganneerra. Abdii ulfina Allaahattis ni gammanna.

kottaa akka qalbiin keenya yaada yakka qabaachuu irraa qulqulleeffamuuf garaa keenyatti nuu facaafamee, dhagna keenyas bishaan qulqulluun dhiqannee garaa qulqulluu amantii mirkanaaʼaa guutuu qabuun Allaahatti dhiʼaannaa.

Kanaafuu Allaahaf bulaa. Ibliisiin immoo mormaa; innis isin baqataa. Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-