Consequências dos nossos atos
Toda ação tem consequências. A Bíblia ensina que colhemos o que semeamos — para o bem e para o mal. Deus pesará cada palavra e ato no dia do juízo.
Colher o que semear
Cada um prestará contas de si mesmo a Deus. O Senhor julgará as obras e os segredos dos homens com justiça perfeita.
Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Allaaha duratti deebii ni kennina.
Allaahan, "Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna." Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata. Nama hammina hojjetu hunda irratti, jalqabatti Yihuudii irratti, ergasii immoo Nama Ormaa irratti dhiphinnii fi rakkinni ni dhufa. Garuu nama waan gaarii hojjetu hundaaf, jalqabatti Yihuudiif, ergasii immoo Nama Ormaatiif kabajni, ulfinnii fi nagaan ni taʼa. Allaahan nama wal hin caalchisuutii.
Kennaan Allaaha miidhaa cubbuun namni tokko hojjete fiduun tokko miti: Murtiin cubbuu tokkichaaf kenname yakkamtummaa fideera; kennaan tolaa kan balleessaa baayʼee irratti kenname garuu qajeelummaa fide. Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Iisaa Al-Masiihiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!
Nama Kaanitti Muruu
"Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa. Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.
Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu.
Dubbiin Allaaha jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora. Uumama hunda keessaa wanti fuula Allaaha duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.
Responsabilidade pessoal
Quem é sábio prevê o perigo e se esconde. A Palavra examina os pensamentos e intenções do coração.
Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata;
wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
Yoo ati nama ogeessa taate, ogummaan kee si badhaasa;
yoo ati kan namatti qoostu taate suma qofatu gidirama."
Namni utuu itti hin yaadin, "Wanni kun Allaahaf qulqulleeffameera" jedhee
ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.
" ‘Namni tokko yoo waan nama kakachiisu dhagaʼee waaʼee waan arge yookaan beeku sanaa dhugaa baʼuu diduudhaan cubbuu hojjete inni itti gaafatama.
"Namni yoo cubbuu hojjetee waan ajajawwan Rabbii Allaah keessatti dhowwame hojjete, inni yoo beekuu baate illee yakka qabeessa taʼeera; itti gaafatamas.
" ‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.
Consequências inevitáveis
A terra deu seu fruto conforme as obras dos que nela habitam. Ninguém escapa do juízo — Deus pesa cada ação.
Sababii jiraattota isheetii fi
sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.
Isin addaggummaa keessaniif ni adabamtu; gatii cubbuu keessan kan waaqeffatamtoota tolfamoo waaqessuudhaan hojjettan sanaa ni argattu. Ergasiis akka ani Rabbii Allaahan Gooftaa taʼe ni beektu."
Ani dhugumaan dhiiga keessan kan lubbuun keessan keessa jirtu nan barbaada. Bineensa hunda irraa nan barbaada. Obboleessa nama hundaa irraas lubbuu namaa nan barbaada.
Namni hamaan maaliif Allaah arrabsa?
Maaliifis garaa isaatti,
"Inni waan kanatti na hin gaafatu" jedha?
Yaa Allaah, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita;
harka keetiinis gatii baasifta.
Deegaan dabarsee sitti of kenna;
ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha.