Consolador
O Espírito Santo é o Consolador prometido por Jesus. Ele consola os aflitos, fortalece os fracos e nos assegura que nunca estaremos sós.
O Consolador prometido
Jesus prometeu: Eu rogarei ao Pai e Ele vos dará outro Consolador para que fique convosco para sempre.
Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna;
Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.
Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.
"Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.
Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga.
Consolo divino
Bendito seja o Deus de toda consolação. Ele nos consola em toda tribulação e enxuga toda lágrima de nossos olhos.
Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin, Abbaan araaraatii fi Allaahan jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Allaah biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.
Akkuma nu dhiphina Al-Masiihii keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Al-Masiihiin jajjabinni nuu baayʼata.
Allaahan obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Al-Masiihii Iisaa qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.
Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti,
jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.
Dhiphina koo keessatti ani Rabbii Allaahatti nan iyyadhe;
innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.
‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan;
siʼachis gonkumaa hin dheebotan.
Aduun isaan hin dhaʼu;’
hoʼi finiinaanis isaan hin gubu.
Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru
tiksee isaanii ni taʼaatii;
‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’
‘Allaahanis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ "
"Kan isin jajjabeessu ana; anuma.
Yoos maaliif namoota duʼa hin oolle,
ilmaan namaa kanneen akkuma margaa taʼan sodaattu ree?
Warri gaddan eebbifamoo dha;
jajjabina ni argatuutii.