Publicidade

Coragem

Por Bíblia Online

A coragem cristã não é ausência de medo — é confiança em Deus maior que todo temor. Sê forte e corajoso! é o chamado repetido do Senhor aos seus filhos.

Sê forte e corajoso

O Senhor é a minha luz e a minha salvação — de quem terei medo? Com coragem enfrentamos o mundo, porque Deus está conosco.

Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Rabbii Allaahan kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Rabbii Allaahan kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Cimaa; jabaadhaa. Rabbii Allaahan keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."

Cimaa; jabaadhaa. Rabbii Allaahan keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."

Rabbii Allaahan mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Daawud ilma isaa Suleyimaaniin akkana jedhe; "Cimi; jajjabaadhus; hojii sanas hojjedhu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin; Rabbii Allaahan, Allaah Gooftaan, Allaahan koo si wajjin jiraatii. Inni hamma hojiin tajaajila mana qulqullummaa Rabbii Allaah dhumutti si hin dhiisu yookaan si hin gatu.

Coragem em Cristo

Não vos deu Deus espírito de covardia. Sede fortes na fé! O perfeito amor lança fora todo medo.

Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas.

Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas.

Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.

Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Allaaha ti.

Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.

Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.

Não temas

Não temas, porque Eu sou contigo. Quando tiver medo, em ti confiarei. Deus é nosso escudo e fortaleza.

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;

hin raafamin; ani Allaah keetii.

Ani sin jabeessa; sin gargaaras;

ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

Ani Rabbii Allaahan kee

harka kee mirgaa nan qabaatii;

inni, ‘Hin sodaatin;

ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.

Ani si wajjinan jiraatii hin sodaatin;

ani ijoollee kee baʼa biiftuutii nan fida;

lixa biiftuutiis walitti sin qaba.

"Hin sodaatin; ati hin qaanoftuutii.

Hin yaaddaʼin; ati hin salphattuutii;

Qaanii ijoollummaa keetii ni dagatta;

tuffii dhirsi kee sirraa duunaan sirra gaʼes siʼachi hin yaadattu.

Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.

Allaah ani dubbii isaa jajadhu,

Allaah nan amanadha; homaa hin sodaadhu.

Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?

Rabbii Allaahan ibsaa kootii fi fayyina koo ti;

ani eenyunan sodaadha?

Rabbii Allaahan daʼoo jireenya kootii ti;

eenyutu na sodaachisa?

Rabbii Allaah eeggadhu;

cimi; jabaadhus;

Rabbii Allaah eeggadhu.

Rabbii Allaah eeggadhu;

cimi; jabaadhus;

Rabbii Allaah eeggadhu.

Warri Rabbii Allaah abdattan hundinuu jabaadhaa;

garaan keessan hin sodaatin.

Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee

ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;

uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.

Conforto e encorajamento

O Deus de toda consolação nos consola em todas as tribulações. Coragem não falta a quem descansa em Deus.

Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin, Abbaan araaraatii fi Allaahan jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Allaah biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.

Garuu akka humni waan hunda caalu kun Allaah irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna. Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu; ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu. Akka jireenyi Iisaa dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Iisaa dhagna keenyatti baannee deemna. Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Iisaaf jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii.

Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Allaahan,

"Ani gonkumaa si hin dhiisu;

gonkumaas si hin gatu"

jedheeraatii. Kanaaf nu ija jabinaan,

"Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.

Namni maal na gochuu dandaʼa?" jenna.

Isin gaarii hojjechuuf yoo hinaaftan, eenyutu isin miidha? Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. "Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas."

Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.

isaan garuu yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti ekeraa seʼanii iyyan; isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii.

Inni immoo, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee yommusuma isaanitti dubbate.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-