Publicidade

Corpo

Por Bíblia Online

O corpo é templo do Espírito Santo. A Bíblia ensina a cuidar do corpo com responsabilidade, moderação e respeito — honrando a Deus com nosso ser integral.

Templo do Espírito

Vosso corpo é templo do Espírito Santo. Glorificai a Deus no vosso corpo — ele não é vosso, foi comprado por preço.

Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Allaah irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Allaahaf ulfina kennaa.

Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.

Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu.

Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera.

Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Al-Masiihiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.

Cuidar do corpo

O exercício físico é proveitoso, mas a piedade tem promessa para a vida presente e futura. Cuide do corpo com sabedoria.

Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Allaahatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada.

Garaan gammadu qoricha gaarii dha;

hafuurri cabe immoo lafee gogsa.

Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti;

inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.

Ani ogeessa ofiin hin jedhin;

Rabbii Allaah sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.

Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna;

lafee kee illee ni haaromsa.

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;

gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.

Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef

sin galateeffadha;

hojiin kee dinqisiisaa dha;

kanas ani akka gaariittan beeka.

Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu;

Allaahan garuu jabina garaa koo ti;

bara baraanis inni qooda koo.

Zabuurii Daawud. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti.

Yaa Allaah, ati Allaah koo ti;

ani dhugumaan sin barbaadadha;

lafa gogaa fi gammoojjii,

lafa bishaan hin jirretti,

lubbuun koo si dheebotti;

foon koos sitti gaggaba.

Corpo e espírito

O espírito está pronto, mas a carne é fraca. Não vos preocupeis com o corpo — a vida é mais do que alimento.

Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa duʼaa godhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha."

Yoo iji kee mirgaa si gufachiise, of keessaa baasii gati. Dhagni kee guutuun jahaannamitti darbatamuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayyaatii.

Hin Yaaddaʼinaa

"Kanaafuu ani isinittin hima; Maal nyaanna yookaan maal dhugna?jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan maal uffanna?jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?

Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa jahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.

Of eeggachiisa

Gidduu sana yommuu tuunni namoota kuma hedduu tokko hamma isaan wal irra ejjetanitti walitti qabametti, Iisaan duraan dursee barattoota isaatiin akkana jechuu jalqabe; "Raacitii Fariisotaa irraa of eeggadhaa; kunis fakkeessitummaa dha. Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiru. Wanni isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatiin dhagaʼama; wanni isin gola keessatti gurratti hasaastanis bantii manaa irraa labsama.

"Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee jahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa. Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Allaahan hin irraanfatu. Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.

"Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula malaʼikkoota Allaaha duratti dhugaa ni baʼa. Namni fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu fuula malaʼikkoota Allaaha duratti ni ganama. Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu hundaaf ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu hin dhiifamu.

"Yommuu manneen sagadaa, bulchitootaa fi abbootii taayitaa duratti dhiʼeeffamtanitti akkamitti akka falmattan yookaan maal akka jettan hin yaaddaʼinaa. Hafuurri Qulqulluun yeruma sana Waan isin jechuu qabdan isin barsiisaatii."

Fakkeenya Sooressa Gowwaa

Tuuta sana keessaa namichi tokko, "Yaa Barsiisaa, akka obboleessi koo dhaala naa hiruuf maaloo itti naa dubbadhu" jedheen.

Iisaan garuu deebisee, "Namana, eenyutu isin gidduutti abbaa murtii yookaan hirtuu dhaalaa na godhe?" jedheen. Innis, "Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii" jedheen.

Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; "Lafti qotiisaa namicha sooressa tokkoo midhaan guddaa kenneef. Namichi sunis, Ani waan lafan itti midhaan koo galfadhu hin qabneef maal gochuu naa wayya?jedhee garaa isaatti yaade.

"Innis akkana jedhe; Wanni ani godhu kana; gombisaa koo diigee guddaa isaa nan ijaarradha; midhaan koo fi miʼa koo hunda achittin kuufadha. Lubbuu kootiinis, "Yaa lubbuu ko, ati waan gaarii hedduu kan waggaa baayʼeef kuufame qabda; boqodhu; nyaadhu; dhugi; gammadis" nan jedha.

"Allaahan garuu, Yaa gowwicha, edanuma lubbuu kee sirraa fudhachuu barbaadu; egaa wanni ati walitti qabatte sun kan eenyuu taʼa?jedheen.

"Kanaafuu namni ofii isaatiif badhaadhummaa kuufatee fuula Allaaha duratti immoo hin sooromin kam iyyuu akkasuma taʼa."

Hin Yaaddaʼinaa

Iisaanis barattoota isaatiin akkana jedhe; "Kanaafuu ani isinittin hima; Maal nyaanna?jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan maal uffanna?jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata caala; dhagnis uffata caalaatii. Mee arraageyyii ilaalaa: Isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan; gombisaa yookaan gumbii hin qaban; taʼus Allaahan isaan soora. Isin immoo hammam simbirroota caalaa gatii guddaa qabdu! Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼu eenyu? Yoos isin erga waan xinnoo akkasii illee godhachuu hin dandeenye, maaliif waan biraaf yaaddoftu ree?

"Daraaraawwan bosonaa akkamitti akka guddatan mee ilaalaa; isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. Ani garuu isinittin hima; Suleyimaan iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne. Isin yaa warra amantii xinnoo nana! Allaahan erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo hammam kana caalaa haa uffisuu ree. Qalbii keessan waan nyaattan irra yookaan waan dhugdan irra hin kaaʼatinaa; waaʼee isaas hin yaaddaʼinaa. Addunyaan ormootaa waan kana hunda ni barbaaduutii; Abbaan keessan akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka. Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.

"Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii. Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes shamaayʼun irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa. Idduma badhaadhummaan keessan jiru sana garaan keessanis jiraatii.

Qophaaʼanii Eeguu

"Tajaajilaaf hidhadhaatii qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsadhaa; akkuma namoota yommuu Gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee balbala dhadhaʼutti dafanii isaaf banuuf jedhanii qophaaʼanii isa eeganii taʼaa. Garboonni gooftaan isaanii yeroo galutti isaanii dammaqanii jiran argu sun eebbifamoo dha; ani dhuguman isinitti hima; inni marxifatee akka isaan nyaataaf taaʼan ni godha; dhufees isaan tajaajila. Garboonni gooftaan isaanii halkanicha keessaa kutaa lammaffaatti yookaan kutaa sadaffaatti dhufee akkasuma isaanii dammaqanii jiran isaan argu sun eebbifamoo dha. Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu saʼaatii kamitti akka hattuun dhuftu beekee, silaa akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture. Isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii."

Phexrosis, "Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo nama hundumatti himta?" jedhee gaafate.

Gooftaanis akkana jedhee deebise; "Egaa hojii adeemsisaan amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota isaa irratti isa muudu eenyu? Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha. Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda. Garbichi sun garuu yoo, Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa turaofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe, gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada.

"Garbichi utuu fedhii gooftaa isaa beekuu hin qophoofne yookaan waan gooftaan isaa barbaadu hin hojjenne sun akka malee tumama. Nama utuu hin beekin waan isa adabamsiisu hojjete garuu adaba salphaatu isa irra gaʼa. Nama wanni baayʼeen itti kenname hunda irraa waan baayʼeetu eegama; nama imaanaan guddaan itti kenname irraa immoo kan caalutu barbaadama.

Gargar Baʼuu Malee Nagaa miti

"Ani ibidda lafa irra buusuufin dhufe; utuu inni ammuma iyyuu qabatee ani akkam hawwa! Garuu cuuphaa ani cuuphamu tokkotu jira; hamma inni raawwatamutti ani akka malee nan dhiphadha! Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe seetuu? Akkas miti; ani isinittin hima; ani gargar baʼuu fiduufan dhufe malee nagaa buusuuf hin dhufne. Siʼachi maatiin nama shan qabu tokko gargar qoodama; namni sadii nama lamatti kaʼa; namni lama immoo nama sadiitti kaʼa. Abbaan ilmatti, ilmi abbaatti, haati intalatti, intalli haadhatti, amaatiin niitii ilmaatti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaʼuudhaan gargar baʼu."

Bara Ilaalanii Waa Himuu

Iisaanis tuuta sanaan akkana jedhe; "Isin yommuu duumessa karaa lixa biiftuutiin ol baʼu argitanitti yeruma sana, Bokkaan ni roobajettu; innis ni rooba. Yommuu bubbeen kibbaa bubbisutti immoo, Ni hoʼajettu; innis ni hoʼa. Fakkeessitoota nana! Isin bifa lafaatii fi shamaayʼuniitiif hiikkaa kennuu ni beektu. Bara ammaa kanaaf immoo hiikkaa kennuu akkamitti wallaaltu?

"Isin maaliif ofuma keessanii waan qajeelaa hin murteessine? Ati yommuu amajaajii kee wajjin gara abbaa murtii dhaqxutti, karuma irratti isaan walitti araaramuu cimsii yaali; yoo kanaa achii amajaajiin kee abbaa seeraatti si geessa; abbaan seeraas dabarsee poolisiitti si kenna; poolisiin immoo mana hidhaatti si darbata. Ani sitti nan hima; ati hamma saantima ishee dhumaa of irraa baaftutti achii hin baatu."

Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi;

sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef

dhagna kee keessaa hammina baasii gati.

União e harmonia

O corpo é um só, mas tem muitos membros. Cristo é a cabeça; a paz de Cristo governe em vossos corações.

Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira;

Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Akkuma Al-Masiihiin waldaa Al-Masiihiitiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Al-Masiihiin Fayyisaa waldaa Al-Masiihii ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti.

Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.

Rabbii Allaahan, Allaahan lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.

Namichis akkana jedhe;

"Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti;

foon kunis foon foon kootii ti;

isheen waan dhiira irraa argamteef

dubartiijedhamti."

Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.

Duuti Akka Hin Hafnee fi Hiikkaa Inni Kiristaanaaf Kennu

Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.

Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.

Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-