Deus
Deus é a realidade suprema do universo — o criador, sustentador e redentor de tudo o que existe. Conhecê-lo é a essência da vida eterna e o maior privilégio da existência humana.
Quem é Deus
Não há santo como o Senhor. Tu és grande e fazes maravilhas — só tu és Deus. Sua majestade transcende toda compreensão.
"Qulqulluun akka Rabbii Allaah tokko iyyuu hin jiru;
si malees eenyu iyyuu hin jiru;
kattaan akka Allaah keenyaa tokko iyyuu hin jiru.
"Rabbii Allaah Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Allaahan biraa hin jiru.
Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Allaah.
Rabbii Allaah, ati Allaah koo ti;
waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen
wantoota dinqisiisoo
bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef,
ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.
"Yaadni koo yaada keessan,
karaan keessanis karaa koo miti"
jedha Rabbii Allaahan.
Deus é amor
Deus é amor. Quem permanece no amor permanece em Deus e Deus nele. Nós amamos porque Ele nos amou primeiro.
Kanaafuu jaalala Allaahan nuuf qabu beekneerra; amanneerras.
Allaahan jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Allaah keessa jiraata; Allaahanis isa keessa jiraata.
Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.
Namni, "Ani Allaah nan jaalladha" jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Allaah hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu.
Namni tokko iyyuu takkumaa Allaah hin argine; yoo wal jaallanne garuu Allaahan nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.
Rabbii Allaahan kee
inni si wajjin jiru jabaa dha.
Inni baayʼee sitti gammada;
inni jaalala isaatiin si boqochiisa;
faarfannaadhaanis sitti gammada."
Buscar a Deus
Buscareis o Senhor e o encontrareis quando o buscardes de todo o coração. Provai e vede que o Senhor é bom.
Garuu yoo achittis Rabbii Allaah keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.
Akka Rabbii Allaahan gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;
namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
Anis Rabbii Allaahan, "Ati Gooftaa koo ti;
ani si malee gaarummaa hin qabu" nan jedha.
Ani shamaayʼun keessaa eenyunan qaba?
Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,
maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.
Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata;
Rabbii Allaah biratti illee fudhatama argata.
Viver com Deus
Sê forte e corajoso, porque o Senhor teu Deus é contigo. Em Deus encontramos a razão de existir.
Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Rabbii Allaahan kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!
"Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi;
ulfinni Rabbii Allaah siif baʼeera.
Ani Rabbii Allaahan kee
harka kee mirgaa nan qabaatii;
inni, ‘Hin sodaatin;
ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
Hin gowwoominaa; Allaahatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii.
Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.