Pular para o conteúdo
Publicidade

Filho do homem

Por Bíblia Online

Filho do Homem é o título que Jesus mais usou para si mesmo. Ele conecta sua humanidade plena com a visão profética de Daniel sobre o Messias glorioso que receberá domínio eterno.

A profecia de Daniel

Daniel viu alguém como o Filho do Homem vindo com as nuvens do céu. Foi-lhe dado domínio, glória e reino eterno.

"Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa shamaayʼuniitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan. Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.

baattuuwwan ibsaa sana gidduus kan, "Ilma namaa fakkaatu" tokkotu ture; innis uffata dheeraa miilla gaʼu uffatee, naannoo qoma isaatti immoo sabbata warqee hidhatee ture.

Haamamuu Lafaatii fi Iddoon Cuunfaa Wayinii Dhidhiitamuu Isaa

Anis nan ilaale; kunoo, duumessa adii tokkotu ture; inni "ilma namaa fakkaatu" tokkos gonfoo warqee mataa isaatti kaaʼatee, haamtuu qaramaa harkatti qabatee duumessa irra taaʼee ture.

Innis, "Ani kunoo shamaayʼuniin banamee, Ilma Namaas isaa mirga Allaaha dhaabatee jiru nan arga" jedhe.

Jesus, o Filho do Homem

O Filho do Homem veio buscar e salvar o que se havia perdido. Ele tem autoridade para perdoar pecados e julgar.

Ilmi Namaa isa bade oolchuudhaaf dhufeetii.] irra jiru dabalatu.

Innis akkana jedhee deebise; "Namichi sanyii gaarii facaase sun Ilma Namaa ti.

Akkuma Yuunuus guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii guddaa tokkoo keessa ture sana, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ni turaatii.

Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; "Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.

Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.

Hoolotaa fi Reʼoota

"Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin malaʼikkoota Allaaha hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa.

sababiin isaas, "Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa" jedhee barattoota isaa barsiisaa ture.

Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii."

Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe.

Iisaanis deebisee, "Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu" jedhe.

Ilmi Namaa guyyaa isaatti akkuma balaqqeessi balaqqeessaʼee gama tokkoo hamma gama kaaniitti shamaayʼun ibsuu ni taʼaatii.

Glória e autoridade

Quando o Filho do Homem for levantado, atrairá todos a si. Ele é plenamente humano e plenamente divino.

Kanaafuu Iisaan akkana isaaniin jedhe; "Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.

Innis itti dabalee, "Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; shamaayʼuniin banamee utuu malaʼikkoonni Allaaha Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu" jedheen.

Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera;

"Akka ati isaaf yaadduuf namni maali?

Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?

Seja o primeiro