Publicidade

Gratidão a Deus

Por Bíblia Online

A gratidão a Deus é atitude que transforma a vida. Reconhecer que toda boa dádiva vem de Deus nos leva a louvar, servir e viver com alegria e propósito.

Tudo vem de Deus

Toda boa dádiva vem do alto. Agradecer a Deus é reconhecer que Ele é a fonte de toda bênção e sustento.

Wanni Allaahan uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru;

Wanni Allaahan uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru; inni dubbii Allaahatii fi duʼaadhaan qulqulleeffameeraatii.

Ayyaana Gooftaa Kan Phaawulosiif kenname

Waan inni tajaajila isaatiif na filatee akka nama amanamaatti na lakkaaʼeef, ani Gooftaa keenya Al-Masiihi Iisaa isa jabina naa kenne sana nan galateeffadha.

Qajeelcha Waaʼee waaqeffannaa

Egaa ani akka waammachuun, duʼaan, namaaf duʼaa gochuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa;

Allaah Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa.

akkuma barattan sanatti hidda keessan isa keessatti gad fageeffadhaatii isa irratti ijaaramaa; amantiittis jabaadhaa; galata guutee dhangalaʼus dhiʼeessaa.

Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.

Louvor e gratidão

Louvai ao Senhor e dai-lhe graças! Ele fez maravilhas e é digno de todo louvor e agradecimento.

Qajeelummaa isaatiif Rabbii Allaah nan galateeffadha;

maqaa Rabbii Allaah, Allaah Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.

"Aarsaa galataa Allaahaf dhiʼeessi; wareega kee illee

Allaah Waan Hundaa Oliitiif galchi;

Ani faarfannaadhaan maqaa Allaaha nan galateeffadha;

galataanis ulfina nan kennaaf.

Warri si barbaadan hundinuu garuu

sitti gammadanii haa ililchan;

warri fayyisuu kee jaallatan,

yeroo hunda, "Allaahan guddaa dha!" haa jedhan.

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Yeedaloo, "Hin balleessin" jedhuun faarfatame. Zabuurii Asaaf.

Yaa Allaah, nu si galateeffanna;

sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina;

namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.

Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii,

bara baraan si jajanna;

dhalootaa hamma dhalootaattis,

galata kee ni odeessina.

Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,

jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;

isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.

Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;

wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;

kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha.

Yaa Rabbii Allaah ko, ani bara baraan sin galateeffadha.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;

waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Expressões de gratidão

Dar graças com oração e súplica. A gratidão se expressa em palavras, atos e atitudes que glorificam a Deus.

Waan hundumaa keessatti Allaah duratti duʼaa gochuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Allaahatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.

yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin Allaah Abbaa galateeffadhaa.

Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin.

Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Allaahaf galata fida.

Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Allaahatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe.

haala hundumaa keessatti Allaah galateeffadhaa; fedhiin Allaahan Al-Masiihi Iisaatti isiniif qabu kanaatii.

akkanas jedhan:

"Yaa Allaah Gooftaa Waan Hunda Dandeessu,

Kan jirtuu fi kan turte,

ati humna kee isa guddaa fudhattee

waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina.

Ani garuu zabuurii galataatiin

aarsaa siif nan dhiʼeessa.

Ani wareegan wareege sanas nan baasa.

Anis, Fayyinni Rabbii Allaah biraa dhufa’ " nan jedha.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-