Publicidade

Homem

Por Bíblia Online

A Bíblia fala sobre o homem como criação de Deus — feito à sua imagem e semelhança, mas também frágil, mortal e necessitado de redenção.

Criado à imagem de Deus

Deus criou o homem à sua imagem. Mas pelo pecado, o homem caiu e passou a depender da graça para ser restaurado.

Allaahanis, "Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo shamaayʼun irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan" jedhe.

Kanaafuu Allaahan akka bifa isaatti nama uume;

akka bifa Allaahatti isa uume;

innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.

Akkuma aduun qabbanoofteenis namichii fi niitiin isaa utuu Rabbii Allaahan iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa dhagaʼan; isaanis mukkeen iddoo biqiltuu keessa Rabbii Allaah, Allaah duraa dhokatan.

Duuti Aadamiin, Jireenyi Immoo Al-Masiihiin Dhufe

Kanaaf akkuma cubbuun karaa nama tokkootiin addunyaa seene, duuti immoo karaa cubbuutiin seene; sababii namni hundinuu cubbuu hojjeteefis duuti nama hundatti dhufe.

Kanaaf, "Aadam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe" jedhamee barreeffameera; Aadam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe. Inni jalqabatti dhufe garuu isa hafuuraa utuu hin taʼin isa foonii ti; inni hafuuraa immoo ergasii dhufe. Namichi duraa lafa irraa dhufe; inni kan lafaa ti; namichi lammaffaan immoo shamaayʼun irraa dhufe. Warri kan lafaa taʼan akkuma namicha lafa irraa sanaa ti; warri kan shamaayʼun taʼan immoo akkuma namicha shamaayʼun irraa dhufe sanaa ti. Nu akkuma bifa namicha lafaa sanaa uffanne, akkasuma immoo bifa namicha shamaayʼun sanaa ni uffanna.

Fragilidade humana

O homem nascido de mulher é de poucos dias e cheio de inquietação. Deus conhece nossa fragilidade e cuida de nós.

"Nama dubartoota irraa dhalate,

barri isaa gabaabaa fi kan rakkinaan guutamee dha.

Namni duʼa hin oolle, Allaah caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa?

Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?

"Akka ati isa leelliftuuf,

akka qalbii kee isa irra keessuufis namni maali?

Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera;

"Akka ati isaaf yaadduuf namni maali?

Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?

Adeemsi namaa Rabbii Allaahan qajeelfama.

Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?

Renovação e chamado

Despojados do velho homem e revestidos do novo, somos chamados a buscar a justiça, a piedade e o amor.

Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Allaahatiin uumame sana uffadhaa.

inni foon ofiitiin seera ajajaa fi sirna isaa wajjin diigeera. Kaayyoon isaas jara lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee akkasiin nagaa buusuudhaan

Gorsa Xiimotewosiif Kenname Kan Dhumaa

Ati garuu yaa nama Allaaha, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Allaahatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi.

Ani yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleettin dubbadha ture; akka ijoolleettin yaada ture; akka ijoolleetti nan herrega ture; ani ergan nama guddaa taʼee garuu ijoollummaa dhiiseera.

Karaan namaa guutumaan guutuutti fuula Rabbii Allaah dura jiraatii;

innis daandii namaa hunda ni toʼata.

Karoorri garaa kan namaa ti;

deebiin arrabaa garuu Rabbii Allaah biraa dhufa.

A confiança errada

Maldito o homem que confia no homem. O homem de duplo ânimo é instável em todos os seus caminhos.

Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Namni nama amanatu,

kan jabina foonii irree isaa godhatu,

kan garaan isaa Rabbii Allaah irraa garagalu abaaramaa dha.

Namni sun waan tokko illee Gooftaa biraa nan argadha jedhee hin eeggatin; inni nama yaada lamaa ti; iddoo tokkos hin dhaabatu.

Maanguddootaa fi Dargaggoota

Nama dulloome tokko akka waan inni abbaa kee taʼeetti gorsi malee hin ifatin. Dargaggootas akka obbolootaatti ilaali;

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-