Publicidade

Honestidade

Por Bíblia Online

A honestidade é virtude cristã fundamental. Deus é Deus de verdade e nos chama a viver com integridade, transparência e retidão em todos os nossos relacionamentos e negócios.

Integridade diante de Deus

O Senhor abomina a balança falsa, mas o peso justo é seu prazer. A integridade dos justos os guia pelos caminhos retos.

Rabbii Allaahan madaalii hin amanamne ni balfa;

madaalii dhugaatti immoo ni gammada.

Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;

warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.

Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;

warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.

Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa,

nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta.

Fuula Rabbii Allaah duratti aarsaa caalaa,

waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.

Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu;

atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.

Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Allaahas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Allaaha duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina.

Nu utuu fuula Gooftaa qofa duratti hin taʼin fuula namootaa durattis waan qajeelaa hojjechuuf tattaaffanna.

Praticar a honestidade

Falai a verdade, pagai o que deveis, não negueis ao próximo o bem. A honestidade prática é testemunho do evangelho.

Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii

Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.

Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Allaaha warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii.

Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa.

Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti,

warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.

Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa

waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.

Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu;

qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.

Confissão e transparência

Confessai as vossas ofensas uns aos outros. Quem confessa e deixa o pecado encontra misericórdia e restauração.

Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu;

kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.

Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii duʼaa walii godhaa. Duʼaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.

Hundumaa caalaa immoo yaa obboloota ko, hin kakatinaa; shamaayʼuniin yookaan lafaan yookaan waan biraa tokkoon illee hin kakatinaa. Wanni isin jechuu qabdan, "Eeyyee" yookaan "waawuu" haa taʼu. Yoo kanaa achii isinitti murama.

Ogummaan shamaayʼun irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.

Nu isa wajjin tokkummaa qabna jennee yoo dukkana keessa deddeebine ni sobna; dhugaa sanaanis hin jiraannu.

Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.

Coração puro

Bem-aventurados os puros de coração, porque verão a Deus. A honestidade começa no interior e se manifesta nas ações.

Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha;

Allaah ni arguutii.

Rabbii Allaah duratti calʼisi;

obsaanis isa eeggadhu;

nama karaan isaa qajeeleefitti,

kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.

Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf,

nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.

Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Allaaha duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.

Ibsaa fi Baattuu Isaa

"Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee okkotee keessa hin dhoksu yookaan siree jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa arguu dandaʼaniif baattuu ibsaa irra kaaʼu.

Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama;

namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.

Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna;

dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.

Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo

michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-