Publicidade

Louvor e adoração

Por Bíblia Online

O louvor e a adoração são o propósito supremo da vida cristã. A Bíblia está repleta de exortações a louvar o Senhor — com cânticos, instrumentos, danças e com todo o nosso ser.

Louvai ao Senhor!

Todo ser que respira louve ao Senhor! O louvor é o sacrifício agradável que oferecemos continuamente a Deus.

Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu.

Haalleluuyaa.

Haalleluuyaa.

Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa;

samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.

Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa;

guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.

Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa;

baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;

dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;

miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.

Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa;

kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.

Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu.

Haalleluuyaa.

dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;

miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.

Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;

dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.

Haalleluuyaa.

Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;

waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.

Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;

dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.

Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii;

warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.

Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan;

siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.

Haalleluuyaa.

Samiiwwan irraa Waaqayyoon galateeffadhaa;

ol gubbaatti isa galateeffadhaa.

Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa;

raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.

Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa;

urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.

Samiiwwan samii isa galateeffadhaa;

bishaanonni samiin ol jirtanis isa galateeffadhaa.

Isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan;

inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.

Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera;

seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.

Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi,

lafa irraa Waaqayyoon galateeffadhaa;

bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi,

bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,

tulluuwwanii fi gaarran hundinuu,

mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,

bineensonnii fi loon hundinuu,

uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,

mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu,

ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,

dargaggoonnii fi shamarran,

jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.

Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii,

isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan;

ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira.

Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.

Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.

Louvor como estilo de vida

Bendirei ao Senhor em todo tempo; o seu louvor estará sempre nos meus lábios. O louvor não depende de circunstâncias.

Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa;

galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.

Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa;

galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.

Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa;

galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.

Lubbuun koo Waaqayyoon boonti;

cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.

Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa;

kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.

Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba;

ittuma caalchisees sin galateeffadha.

Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera;

gadameessa haadha koo keessaas situ na baase.

Ani yeroo hunda sin galateeffadha.

Afaan koo guyyaa guutuu,

galataa fi ulfina keetiin guutama.

Afaan koo guyyaa guutuu,

galataa fi ulfina keetiin guutama.

Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo,

lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.

Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,

maqaan Waaqayyoo haa jajamu.

Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.

Adoração em espírito e verdade

Os verdadeiros adoradores adorarão ao Pai em espírito e em verdade. Deus busca os que o adoram com coração sincero.

Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.

Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu."

Kottaa Waaqayyoof faarfannaa;

Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.

Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;

faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.

Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii;

inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.

Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru;

fiixeewwan tulluus kan isaa ti.

Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii;

lafa gogaa illee harka isaatu uume.

Kottaa gad jennee sagadnaa;

Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;

Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa.

Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa;

faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.

Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa;

faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.

Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,

jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;

isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.

Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;

lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.

Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;

fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.

Ulfina isaa saboota gidduutti,

hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.

Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;

inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.

Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;

Waaqayyo garuu samiiwwan uume.

Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;

jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.

Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa;

ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.

Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;

aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.

Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa;

isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.

A grandeza de Deus

Grande é o Senhor e mui digno de louvor! Sua grandeza é insondável. Os céus declaram sua glória e toda a criação o adora.

Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;

guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.

Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha;

ati galata Israaʼel.

Maqaa kee obboloota kootti nan labsa;

waldaa keessattis sin jajadha.

Isin warri Waaqayyoon sodaattan isa jajadhaa!

Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa!

Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!

Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne

yookaan hin balfineetii;

yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis,

ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne.

Haalleluuyaa.

Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha;

isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!

Waaqayyo gaariidhaatii, Waaqayyoon galateeffadhaa;

inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.

Waaqayyo moʼeera; lafti haa gammaddu;

biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.

Isin qajeeltonni Waaqayyotti gammadaa;

maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.

"Ani Waaqayyo; maqaan koos kanaa dha!

Ani ulfina koo kan biraatiif,

galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.

Cânticos e instrumentos

Cantai ao Senhor um cântico novo! Louvai com salmos, hinos e cânticos espirituais, fazendo melodia no coração ao Senhor.

Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.

Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.

faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa; yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.

Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa;

isa jajuun tolootaaf ni mala.

Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa;

baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.

Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa;

sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.

Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaa fi baganaadhaan, kiraaraa fi dibbeedhaan, kilillee fi malakataan fuula Waaqaa duratti gammadanii shuubbisaa.

Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;

waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.

Innis faarfannaa haaraa,

faarfannaa galataas afaan koo keessa Waaqa keenyaaf kaaʼe.

Namoonni baayʼeen arganii Waaqayyo sodaatu;

isas ni amanatu.

Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii,

maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.

Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha;

Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha.

Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha;

Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha.

Louvor nas lutas

Paulo e Silas louvaram na prisão e houve terremoto. O louvor é arma espiritual que transforma circunstâncias e derrota o inimigo.

Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa, faarfannaadhaanis Waaqa galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan.

Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa, faarfannaadhaanis Waaqa galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan.

Yehooshaafaax erga namoota wajjin mariʼatee booddee akka isaan loltoota dura deemanii,

"Waaqayyoon galateeffadhaa;

jaalalli isaa bara baraan jiraataatii"

jechaa Waaqayyoon faarfatanii sababii ulfina qulqullummaa isaatiif isa leellisaniif faarfattoota muude.

Akkuma isaan faarfachuu fi galateeffachuu jalqabaniinis Waaqayyo namoota Amoon kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen Yihuudaatti duulan sana dura waraana riphee eeggatu tokko ni kaaʼe; isaanis ni moʼataman.

Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee akkana jedhe:

"Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;

qullaa koos nan deema.

Waaqayyotu kenne; Waaqayyotu fudhate;

maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu."

Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa;

maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.

Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;

gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;

booʼichi galgala tokko qofaaf tura;

ganama garuu ililleetu taʼa.

Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;

wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;

kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha.

Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;

ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;

Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; "Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Waaqayyoo jabina keessan taʼeef hin gaddinaa."

Gratidão e louvor

Em tudo dai graças. O louvor nasce da gratidão por quem Deus é e pelo que Ele faz. Cada bênção é motivo de adoração.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi;

tola isaa hundas hin irraanfatin.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi;

tola isaa hundas hin irraanfatin.

Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa;

dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;

jireenya kee boolla irraa ni baraara;

jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;

Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi;

tola isaa hundas hin irraanfatin.

Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi

hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;

inni warra dheebotan dheebuu baasee

warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.

Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;

waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.

Isin bara sana keessa akkana jettu:

"Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;

waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;

akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.

Waaqayyoof Galata Galchuu

Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti;

waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen

wantoota dinqisiisoo

bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef,

ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.

Yaa Waaqa abbootii ko, ani sin galateeffadha; sin jajadhas:

Ati ogummaa fi humna naa kenniteerta;

waan nu si kadhanne na beeksifteerta;

ati abjuu mootichaa nu beeksifteerta."

A majestade do Rei

Ao nome de Jesus todo joelho se dobrará. A adoração culminará na eternidade, onde os redimidos louvarão ao Cordeiro para sempre.

Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan;

"Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya,

ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina,

galatas argachuun ni mala!"

Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus,

"Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf,

galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni,

bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!"

jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe.

Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; "Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Waaqa sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa samii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa."

Ergasiis sagaleen,

"Isin garboonni isaa hundinuu,

warri isa sodaattan,

xinnaanis guddaanis,

Waaqa keenya jajadhaa"

jedhu tokko teessicha keessaa ni baʼe.

Ergasiis sagaleen,

"Isin garboonni isaa hundinuu,

warri isa sodaattan,

xinnaanis guddaanis,

Waaqa keenya jajadhaa"

jedhu tokko teessicha keessaa ni baʼe.

Kunis:

" Ani jiraataadhaatii;

jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata;

arrabni hundi Waaqaaf dhugaa baʼajedha Gooftaan"

jedhamee barreeffameeraatii.

Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.

Vida de louvor

O louvor transforma, fortalece a fé e nos conecta com o céu. Quem louva a Deus em toda circunstância experimenta sua presença real.

Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa;

hollachaas gammadaa.

Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha;

maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.

Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;

waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.

Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;

waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.

Ani sittin gammada; nan ililchas;

yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.

Waaqayyo haa eebbifamu!

Inni iyya kadhannaa kootii naa dhagaʼeeraatii.

Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti;

garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera.

Garaan koo baayʼee gammada;

anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.

Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna;

anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Waaqaa nan argisiisa."

Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,

Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu.

Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?

Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha;

yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti;

ati Waaqa ani abdadhuu dha.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

Ani hamman jirutti sin eebbisa;

maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.

Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata;

wareegni keenyas siif galfama.

Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu,

namni hundinuu gara kee ni dhufa.

Yeroo cubbuun na moʼattetti,

ati yakka keenya nuu dhiifteerta.

Ani afaan kootiin isatti nan iyye;

galanni isaas arraba koo irra ture.

Waaqni kadhannaa koo hin didin

yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!

Qajeelonni garuu haa gammadan;

fuula Waaqaa durattis baayʼee haa gammadan;

isaan gammachuudhaan haa ililchan.

Waaqaaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;

isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;

maqaan isaa Waaqayyoo dha;

fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.

Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa,

niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun

iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.

Waaqaaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;

isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;

maqaan isaa Waaqayyoo dha;

fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.

Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu,

Waaqni Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.

Yaa Waaqayyo, warri siif ililchuu beekan,

warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.

Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti;

garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii

maqaa keetiif ulfina kenni.

Saboonni hundi Waaqayyoon jajadhaa;

isin namoonni hundinuu isa leellisaa.

Jaalalli inni nuuf qabu guddaadhaatii;

amanamummaan Waaqayyoo bara baraan jiraata.

Haalleluuyaa.

Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti,

garaa tolaadhaan sin galateeffadha.

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;

gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.

Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef

sin galateeffadha;

hojiin kee dinqisiisaa dha;

kanas ani akka gaariittan beeka.

Waaqayyo kattaa koo,

isa harka koo waraanaaf,

quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.

Haalleluuyaa.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu.

Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha;

ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha.

Waaqa yeroo hunda akka nu Kiristoosiin moʼannoo qabaannu nu taasisee urgaa beekumsa isaa karaa keenyaan iddoo hundatti facaasuuf galanni haa taʼu.

akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Yesuus Kiristoosiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse; kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf.

Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha;

Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu.

Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu. Isin dur saba Waaqaa hin turre; amma garuu saba Waaqaa ti; isin dur araara hin arganne; amma garuu araara argattaniirtu.

"Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha;

diinota koo jalaas nan baraarama.

Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa;

faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.

Inni ulfina kee ti; inni Waaqa kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha.

Innis akkana haa jedhu; "Yaa Israaʼel, isin harʼa diinota keessan loluuf waraanatti seenuuf jirtu. Garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatinaa; hin naʼinaa yookaan fuula diinota keessanii duratti hin hollatinaa.

Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu.

Ani sittin hima; ati Phexrosii dha; kattaa kana irratti waldaa kiristaanaa koo nan ijaara; karri gahaannamis ishee hin moʼatu.

Atis akkuma loltuu jabaa kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu.

Namni loltummaan tajaajilu kam iyyuu ajajaa isaa gammachiisuu yaala malee dhimma jireenyaatiin of hin xaxu.

Walʼaansoo amantii gaarii sana qabi. Jireenya bara baraa kan yeroo fuula dhuga baatota baayʼee duratti akka gaarii beeksiftetti itti waamamte sana jabeessii qabadhu.

Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif,

ani isiniifin barreessa.

Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif,

ani isiniifin barreessa.

Yaa dargaggoota, isin waan jajjaboo taataniif,

waan dubbiin Waaqaa isin keessa jiraatuuf,

waan isa hamaa sanas moʼattaniif,

ani isiniifin barreessa.

Cubbuu fi Badiisa Warra Waaqaaf Hin Bullee

Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.

Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-