Milagres
Os milagres manifestam o poder soberano de Deus. Desde a criação até os sinais de Jesus e dos apóstolos, Deus intervém sobrenaturalmente na história para revelar sua glória e amor.
O Deus dos milagres
Para Deus nada é impossível. Ele abriu o mar, fez cair fogo do céu e ressuscitou mortos. Seu poder não tem limites.
Iisaanis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.
Iisaanis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.
Wanni Allaahaf hin dandaʼamne hin jiruutii."
"Ani Rabbii Allaahan, Allaah nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa?
Muusaanis harka isaa galaana irra diriirfate; Rabbii Allaahanis halkan sana guutuu bubbee baʼa biiftuu jabaadhaan galaanicha gara duubaatti deebisee galaanicha lafa gogaa godhe. Bishaan sunis gargari qoodame; Israaʼeloonnis galaanicha gidduu lafa gogaa irra darban; bishaanichis karaa mirgaa isaaniitii fi karaa bitaa isaanii keenyan taʼeef.
Ani hojii Rabbii Allaah nan yaadadha;
dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.
Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada;
waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.
Ati Allaah hojii dinqii hojjettuu dha;
saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta.
Milagres pela fé
Se tiverdes fé como um grão de mostarda, movereis montanhas. A fé é a chave que acessa o poder miraculoso de Deus.
Innis akkana jedhee deebise; "Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [
Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa.
Iisaanis, " ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama" jedheen.
Iisaanis isaan ilaalee, "Kun garuu Allaahaf malee namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii" jedhe.
Iisaanis, "Wanni namaaf hin dandaʼamne, Allaahaf ni dandaʼama" jedhee deebise.
Innis sababii amantii dhabuu isaaniitiif hojii dinqii hedduu achitti hin hojjenne.
Sinais e prodígios
Os apóstolos realizaram sinais e maravilhas em nome de Jesus. Os dons do Espírito incluem a operação de milagres e a fé sobrenatural.
"Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Iisaan namni Naazreeti nama Allaahan dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha.
Erga isaan Allaah duratti duʼaa gootanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Allaaha dubbatan.
Allaahan harka Phaawulosiitiin hojii dinqii kan akka malee dinqisiisu hojjechaa ture. Kanaaf maarrabiin yookaan marxoon dhagna isaa tuqe iyyuu dhukkubsattootatti geeffama ture; isaanis ni fayyu; hafuurri hamaanis isaan keessaa baʼa ture.
Mallattoowwan ergamaa dhugaa tokko jechuunis mallattoon, hojiin dinqiitii fi raajiin isin gidduutti obsa guddaadhaan hojjetamaniiru.
Allaahan waldaa Al-Masiihii keessatti tokkoffaa ergamoota, lammaffaa nabiiʼiyyoota, sadaffaa barsiistota, ergasiis warra hojii dinqii hojjetan, itti aansees warra kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qaban, warra namoota gargaaruu dandaʼan, warra kennaa bulchiinsaa qabanii fi warra afaan haaraa gosa addaa addaa dubbatan filateera.
Isa tokkoof karaa Hafuuraatiin dubbii ogummaatu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma sanaan dubbii beekumsaatu kennama; isa kaaniif Hafuuruma sanaan amantiitu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma tokkicha sanaan kennaawwan warra dhukkubsatan fayyisuutu kennama; isa tokkoof dinqiiwwan hojjechuu, isa kaaniif raajii dubbachuu, isa kaaniif hafuurota addaan baasee beekuu, isa kaaniifis afaan haaraa gosa adda addaa dubbachuu, isa kaaniif immoo afaan haaraa sana hiikuutu kennama.
Iisaan garuu akkana jedhe; "Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii. Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii.
Milagres de cura e provisão
A oração da fé salvará o enfermo. Deus provê, cura e intervém quando clamamos a Ele com fé genuína.
Duʼaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf. Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii duʼaa walii godhaa. Duʼaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.
Iliyaas namuma akka keenyaa ture. Innis akka bokkaan hin roobneef jabeessee duʼaa godhe; bokkaanis waggaa sadii fi jiʼa jaʼa lafa irratti hin roobne. Ammas deebiʼee duʼaa godhe; shamaayʼuniin bokkaa kenne; laftis midhaan baafte.
Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara shamaayʼun ol ilaalee galata galchee caccabse. Ergasii akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattootatti kenne. Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
Dubartiin Dugdi Ishee Goophate Tokko Fayyifamuu Ishee
Iisaan guyyaa Sanbataa tokko manneen sagadaa keessaa isa tokkotti barsiisaa ture. Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte. Iisaanis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, "Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta" jedheen, Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Allaah galateeffatte.
Bulchaan mana sagadaas sababii Iisaan guyyaa Sanbataatiin nama fayyiseef aaree namootaan, "Guyyaan hojii jaʼatu jira; guyyoota sana kottaatii fayyifamaa malee guyyaa Sanbataa hin dhufinaa" jedhe.
Gooftaan immoo akkana jedhee deebiseef; "Yaa fakkeessitoota! Isin keessaa namni guyyaa Sanbataa qotiyyoo isaa yookaan harree isaa dallaa keessaa hiikee bishaan obaasuu hin geessine jiraa? Yoos dubartiin kun intalli Ibraahim kan sheeyxaanni waggaa kudha saddeeti guutuu hidhee ture kun guyyaa Sanbataatiin hidhaa kana irraa hiikamuun isheef hin maluu?"
Yommuu inni waan kana dubbatetti mormitoonni isaa hundi ni qaanaʼan; namoonni garuu hojjiiwwan dinqii kanneen inni hojjechaa ture hundatti ni gammadan.
Iisaan mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan.
Namoonnis yommuu mallattoo Iisaan hojjete arganitti, "Kun dhugumaanuu Nabiiʼiyyii gara addunyaa dhufuuf jiru" jedhan.
Iisaanis, "Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha" jedheen.
Iisaan barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete. Wantoonni kunneen garuu akka Iisaan inni Al-Masiihi Ilma Allaaha taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.
Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti qabrii bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane. Isaan akka Iisaan warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii.
Discernimento nos sinais
A Bíblia alerta contra falsos milagres e sinais enganosos. Devemos provar os espíritos e não seguir sinais que desviam de Deus.
Waaqeffatamtoota Biraa waaqeffachuu
Yoo nabiiʼiyyiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime, yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, "Kottu waaqeffatamtoota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu" siin jedhe, ati dubbii nabiiʼiyyii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; Rabbii Allaahan kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii. Rabbii Allaah keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.
Ergasii afaan bineensa jawwee fakkaatu sanaa keessaa, afaan bineensichaa keessaa fi afaan raajii sobaa keessaa hafuuronni xuraaʼoon fattee fakkaatan sadii utuu baʼanuu nan arge. Isaanis hafuurota hafuura hamaa kanneen hojiiwwan dinqii hojjetanii dha; isaanis lola guyyaa guddichaa kan Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaatiif walitti isaan qabuuf gara mootota addunyaa hundaatti kan baʼanii dha.
Mallattoo Yuunuus
Ergasii barsiistonni seeraatii fi Fariisonni tokko tokko, "Yaa barsiisaa, nu mallattoo sirraa arguu barbaanna" jedhaniin.
Innis deebisee akkana isaaniin jedhe; "Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada! Garuu mallattoo Yuunuus nabiiʼiyyichaa sana malee mallattoon tokko iyyuu hin kennamuuf. Akkuma Yuunuus guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii guddaa tokkoo keessa ture sana, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ni turaatii.
Magaalaawwan Qalbii Hin Jijjiirranneef Wayyoo
Ergasii Iisaan sababii magaalaawwan inni itti hojii dinqii isaa gara caalu hojjete sun qalbii hin jijjiirratiniif akkana jedhee isaan balaaleffachuu jalqabe. "Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee, isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraas ofitti firfirsanii qalbii jijjiirratu turan. Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata. Atis yaa Qifirnaahom, hamma shamaayʼuniitti ol kaafamtaa? Lakki, siiʼoolitti gad buuta. Hojiin dinqii kan si keessatti hojjetame sun utuu Sodoom keessatti hojjetamee jiraatee, isheen silaa hamma harʼaatti ni jiraatti turte. Ani garuu sittin hima; guyyaa murtiitti sirra Sodoomiif ni salphata."
A criação como milagre
O próprio corpo humano é milagre de Deus. Toda a criação testifica do poder e da sabedoria do Criador.
Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;
gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
sin galateeffadha;
hojiin kee dinqisiisaa dha;
kanas ani akka gaariittan beeka.
Rabbii Allaah, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;
waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.
Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti.
Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa nabiiʼiyyichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. Innis, "Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu" jedha. Amaanuʼel jechuunis, "Allaahan nu wajjin jira" jechuu dha.
isaan garuu yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti ekeraa seʼanii iyyan; isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii.
Inni immoo, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee yommusuma isaanitti dubbate.
Iisaan garuu yommuu dhagaʼetti Yaaʼiiroosiin, "Amani malee hin sodaatin; isheen ni fayyitii" jedhe.
Yeroo inni daandii Tulluu Ejersaa irraa gad buʼutti dhiʼaatettis, barattoonni hundi hojii dinqii arganii turan hundatti gammadanii, sagalee guddaan akkana jedhanii Allaah galateeffachuu jalqaban.
"Mootiin maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!"
"Nagaan shamaayʼun irratti, ulfinnis ol gubbaatti!"
Iisaan Gara Shamaayʼuniitti Ol Fudhatame
Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.
Anis lafatti kufeen sagalee, ‘Yaa Saaʼol! Yaa Saaʼol! Ati maaliif na ariʼatta?’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
Dhaʼicha Hawwaannisaa
Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe; "Faraʼoonitti ol seeni; ani akka mallattoowwan koo kanneen isaan gidduutti hojjedhuuf jedhee Faraʼoonii fi qondaaltota isaa mata jabeeyyii godheera; kunis akka ati waan ani warra Gibxi godhe, mallattoo ani isaan gidduutti argisiises ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee keetiitti himtee akka ani Rabbii Allaah taʼe akka beektaniif taʼe."