Morte
A morte é a realidade que todos enfrentam, mas para o cristão ela não é o fim. A Bíblia ensina que Cristo venceu a morte e nos dá a esperança da ressurreição e da vida eterna.
Cristo venceu a morte
Onde está, ó morte, o teu aguilhão? Cristo destruiu o poder da morte e nos deu a vitória pela ressurreição.
"Yaa duʼa, moʼichi kee meerre?
Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?"
Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera. Allaah karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!
Diinni dhumaa kan barbadeeffamuu qabu duʼa.
Akkuma duuti karaa nama tokkootiin dhufe, akkasuma immoo duʼaa kaʼuun warra duʼanii karaa nama tokkootiin dhufeetii.
Akkuma hundinuu Aadamiin duʼan, hundinuu Al-Masiihiin jiraatoo ni taasifamuutii.
Dubbichi amanamaan akkana jedha:
Nu isa wajjin yoo duune,
isa wajjin ni jiraanna;
Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Allaahatii fi luboota Al-Masiihii taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
A esperança da vida eterna
Jesus disse: 'Eu sou a ressurreição e a vida.' Quem crê nele não está morto, mas apenas adormecido — e um dia despertará para a glória.
Iisaan immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?"
Iisaan immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?"
Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu. Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu. Nu erga akka Iisaan duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Allaahan warra Iisaatti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna.
Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee malaʼikkaa hangafaatii fi sagalee malakata Allaahatiin shamaayʼun irraa ni buʼa; warri Al-Masiihitti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
Não temas a morte
Não temas os que matam o corpo. Para o cristão, viver é Cristo e morrer é lucro. O vale da sombra da morte não assusta quem caminha com o Pastor.
Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa jahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.
Anaaf jiraachuun Al-Masiihii dha; duʼuunis buʼaa dha.
Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Al-Masiihii wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii; isiniif garuu fooniin turuun koo caalaa barbaachisaa dha.
Nu garuu biyyi keenya shamaayʼun irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Iisaa Al-Masiihi eegganna; innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.
Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee
ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;
uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee
ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;
uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
Nu yoo jiraanne Gooftaaf jiraanna; yoo duunes Gooftaaf duuna. Kanaafuu yoo jiraannes yoo duunes nu kan Gooftaa ti.
A eternidade nos aguarda
Deus enxugará toda lágrima. A morte será o último inimigo destruído. Para os salvos, a morte é a porta de entrada na presença eterna de Deus.
Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Allaahan jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Allaahan mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Allaah isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."
Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."
Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana
Duuti yookaan jireenyi, malaʼikkoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa. Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Al-Masiihiin nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Allaahan nuuf qabu argisiisa.
Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Iisaa Al-Masiihiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!
Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Allaaha garuu karaa Gooftaa keenya Al-Masiihii Iisaatiin jireenya bara baraa ti.
A morte na perspectiva bíblica
Há tempo de nascer e tempo de morrer. A morte é realidade humana, mas Deus é Senhor tanto dos vivos quanto dos mortos.
Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya;
guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya.
Namni qajeelummaadhaan jiraatu,
gara nagaa seena;
isaan siree isaanii irra boqotu.
Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera;
warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.
garuu muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisu sana irraa hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte dhugumaan ni duutaatii."
Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu
yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu kan dandaʼu nama akkamii ti?
Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa?
Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa?
Yoo ani shamaayʼuniiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta;
yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta.
Akkuma chaappaatti laphee kee irra,
akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu;
jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii;
hinaaffaan isaas akkuma qabrii hamaa dha.
Inni akkuma ibidda balaliʼuu,
akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa.
"Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Rabbii Allaahan keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.
Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!
Iisaanis sagalee guddaadhaan iyyee, "Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha" jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.
Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Ibraahimin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Ibraahim keessatti arge. Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa koo Ibraahim, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergi’ jedheen.
Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti.