Motivação
Motivação verdadeira vem de Deus. A Bíblia nos inspira a correr a carreira da fé com perseverança, sabendo que o Senhor fortalece, guia e recompensa os fiéis.
Força do alto
Tudo posso naquele que me fortalece. Deus dá poder aos fracos e renova a força dos cansados — Ele é a fonte de toda motivação.
Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
Inni dadhabdootaaf jabina kenna;
nama laafaaf immoo humna dabala.
Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus;
dargaggoonnis gufatanii kufu;
Warri Rabbii Allaah abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
Ani Rabbii Allaahatti guddaa nan gammada;
lubbuun koos akka malee Allaah kootti gammaddi.
Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu,
misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana,
wayyaa fayyinaa natti uffiseera
uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.
akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Allaahatii.
Correr para o alvo
Prossigo para o alvo, para o prêmio da soberana vocação de Deus em Cristo Jesus. A corrida da fé exige disciplina e foco.
Yaa obboloota, ani akka waan harkatti isa galfadheetti hin ilaalu. Waan tokko garuu nan godha: Waan na duuba jiru irraanfadhee gara waan fuula koo dura jiruutti nan hiixadha; badhaasa Allaahan Al-Masiihi Iisaadhaan ol shamaayʼunitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
Barbaachisummaa Naamusa Dhuunfaa
Dorgommii fiigichaa keessatti akka warri fiigan hundinuu dorgoman, garuu akka namni tokko qofti badhaasa argatu hin beektanii? Isinis akkasuma akka badhaasa argattaniif fiigaa! Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona. Kanaafuu ani akka nama kaayyoo malee fiiguutti hin fiigu; akka nama qilleensa rukutuutti hin lolu. Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.
Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa; kottaa Iisaa isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Allaaha taaʼe. Isin akka dadhabdanii abdii hin kutanneef isa mormii cubbamoota isa irra gaʼe akkasii obse sana yaadatti qabadhaa.
Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa;
Propósito e missão
Deus tem planos de esperança para nós. Cada dia é oportunidade de fazer a sua vontade e avançar com confiança na missão.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan.
Akka Abbaan Ilmaan ulfina argatuuf ani waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu nan raawwadha. Yoo isin maqaa kootiin waan kam iyyuu na kadhattan ani nan raawwadha.
Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira."
Cimaa; jabaadhaa. Rabbii Allaahan keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."
Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; qabrii ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii.
Kumni tokko si cinatti,
kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa;
garuu sitti hin dhiʼaatu.
Qalbii keessan waan nyaattan irra yookaan waan dhugdan irra hin kaaʼatinaa; waaʼee isaas hin yaaddaʼinaa. Addunyaan ormootaa waan kana hunda ni barbaaduutii; Abbaan keessan akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
Nu yommuu isin bira turretti ajaja, "Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin" jedhu isinii kenninee turreetii.
Akka isin keessaa namoonni tokko tokko dhibaaʼota taʼanii jiraatan dhageenyeerraatii. Isaan dhimma nama biraa keessa galuu malee ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan. Namoonni akkanaa akka gab jedhanii hojii hojjetanii fi akka buddeena ofii isaanii nyaataniif Gooftaa Iisaa Al-Masiihiin isaan ajajna; ni gorsinas. Isin garuu yaa obboloota, waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa.