A nova jerusalém
A Nova Jerusalém é a cidade de Deus que desce do céu, morada eterna dos redimidos. Nela não haverá mar, morte, choro nem dor — Deus habitará com seu povo para sempre.
A cidade celestial
João viu a santa cidade, a Nova Jerusalém, descendo do céu como noiva adornada para o esposo. Ali Deus morará com seu povo.
Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee shamaayʼun keessaa Allaah biraa utuu gad buutuu nan arge. Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Allaahan jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Allaahan mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Allaah isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."
Innis Hafuuraan na fuudhee tulluu guddaa fi dheeraa tokkotti na geesse; utuu Yerusaalem Magaalaa Qulqullittiin shamaayʼun keessaa Allaah biraa gad buutuu natti argisiise. Isheenis ulfina Allaahatiin ni ibsiti turte; cululuqni ishees akkuma cululuqa dhagaa gatii guddaa, akka dhagaa yaasphiidii qulqulluu akka bilillee ture. Magaalattiinis dallaa guddaa fi ol dheeraa karra kudha lama qabu qabdi turte. Karrawwan sana irras Malaʼikkoota kudha lamatu dhaabatee ture; karra kudha lamaan sana irrattis maqaan gosoota Israaʼel kudha lamaanii barreeffamee ture. Karaa baʼa biiftuutiin karra sadii, karaa kaabaatiin karra sadii, karaa kibbaatiin karra sadii, karaa lixa biiftuutiinis karra sadiitu ture. Dallaan magaalattiis hundee kudha lama qaba ture; hundeewwan sana irrattis maqaan ergamoota Hoolichaa kudha lamaanii barreeffamee ture.
Allaahan Gooftaan Waan Hunda Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishee waan taʼaniif ani magaalattii keessatti mana qulqullummaa tokko illee hin argine. Aduun yookaan jiʼi magaalattiif ibsuun hin barbaachisu; ulfinni Allaaha ifa kennaafiitii; Hoolichis ibsaa ishee ti.
Malaʼikkaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Allaahatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise; bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture. Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Allaahatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu. Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama. Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Allaahan Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.
A pátria celestial
Os patriarcas aguardavam uma cidade que tem fundamentos, cujo arquiteto e construtor é Deus. Nosso lar eterno está além desta vida.
Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya shamaayʼun irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Allaahan, Allaah isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii.
Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Allaah jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee shamaayʼun keessaa dhuftaniirtu. Gara malaʼikkoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu; gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii shamaayʼun keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Allaah Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii, gara Iisaa araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa, gara dhiiga facaafame kan dubbii dhiigni Haabiil dubbatu sana caalaa dubbatuu dhuftaniirtu.
Yerusaalem isheen shamaayʼun irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya.
"Garaan keessan hin raafamin. Allaahatti amanaa; nattis amanaa. Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii. Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.
A glória da Nova Jerusalém
Deus habitará no meio do seu povo. Sua presença será a luz da cidade, e o rio da vida fluirá do trono de Deus e do Cordeiro.
Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Allaaha gammachiisu
kan iddoo qulqulluu Allaahan Waan Hundaa Olii jiraatuuf gammachuu kennu tokko jira.
"Naannoon magaalaa sanaa guutumaan guutuutti dhundhuma 18,000 taʼa.
"Maqaan magaalaa sanaas yeroo sanaa jalqabee, ‘Rabbii Allaahan achi jira taʼa.’ "
"Yaa Intala Xiyoon gammadii ililchi. Ani dhufee gidduu kee nan jiraadhaatii" jedha Rabbii Allaahan. "Bara sana saboonni hedduun gara Rabbii Allaahatti deebiʼanii saba koo taʼu. Ani immoo gidduu kee nan jiraadha; ati akka Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu sitti na erge ni beekta. Rabbii Allaahan akkuma qooda isaa kan biyya qulqulluu keessaatti Yihuudaa ni dhaala; Yerusaaleminis deebiʼee ni filata.
Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu. Nama moʼatus mana qulqullummaa Allaah koo keessatti utubaa nan godha. Innis achi keessaa gonkumaa hin baʼu. Anis maqaa Allaah kootii fi maqaa magaalaa Allaah koo, maqaa Yerusaalem ishee haaraa, ishee Allaah koo biraa shamaayʼun irraa gad buutu sanaa isa irratti nan barreessa; maqaa koo haaraas isa irratti nan barreessa.
Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Allaahan muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.