Orgulho
O orgulho é um dos pecados mais condenados na Bíblia. Deus resiste aos soberbos, mas dá graça aos humildes. A humildade é o caminho da honra verdadeira.
Deus resiste ao soberbo
A soberba precede a ruína e o orgulho antecede a queda. Deus abomina o coração altivo e promete humilhar quem se exalta.
Of tuuluun badiisaan dura,
of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
Namni of tuulu kam iyyuu fuula Rabbii Allaah duratti balfamaa dha;
dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.
Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira;
dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
Rabbii Allaah sodaachuun jibbuu dha;
hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu,
amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;
gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;
gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa;
namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.
Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa;
namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.
Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;
gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;
gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
Rabbii Allaahan mana nama of tuuluu ni diiga;
daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.
Humildade como caminho
Humilhai-vos diante do Senhor e Ele vos exaltará. A grandeza no Reino vem pelo serviço humilde, não pela autopromoção.
Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun,
"Allaahan of tuultotaan ni morma;
warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna"
jedhuufis kanuma.
Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju. Sooressi garuu gad qabamuu isaatti of haa jaju; inni akkuma daraaraa margaa ni harcaʼaatii.
Dargaggootaaf
Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa;
"Allaahan of tuultotaan ni morma;
warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii."
Kanaafuu akka Allaahan yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa. Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.
Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama."
Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.
Yaadni Al-Masiihi Iisaa keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
Os perigos do orgulho
O orgulho cega, gera contendas e afasta de Deus. A Escritura adverte contra a soberba da vida e a vã glória mundana.
Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti.
Kanaafuu namni waan dhaabate of seʼu akka hin kufneef of haa eeggatu.
Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu.
Allaahan waan jiru waan hin jirre gochuuf, waan addunyaa kana irratti gad aanaa fi tuffatamaa taʼe, waan iddoo hin qabnes filate; kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef.
Garuu, "Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu." Nama Gooftaan galateessutu fudhatama argata malee namni of galateessu fudhatama hin argatuutii.
Innis itti fufee akkana jedhe: "Wanni nama ‘xureessu’ waan nama keessaa baʼuu dha. Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja, doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa. Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ‘ni xureessu.’ "
Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu
warra gorsa dhagaʼan biratti argamti.
Gad of qabiisnii fi Rabbii Allaah sodaachuun,
qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Allaah akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji.
O olhar de Deus
O Senhor não olha como o homem. Ele vê o coração e se agrada dos quebrantados de espírito e dos que tremem diante da sua Palavra.
Rabbii Allaahan garuu Saamuʼeeliin, "Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. Rabbii Allaahan waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; Rabbii Allaahan garuu waan garaa keessa jiru ilaala" jedhe.
"Of jajuudhaan hin dubbatinaa;
yookaan dubbiin of tuulummaa akkasii afaan keessanii hin baʼin;
Rabbii Allaah beekaadhaatii;
hojiiwwanis isaan madaalamu.
Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?
Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti"
jedha Rabbii Allaahan.
"Ani garuu nama gad of qabuu fi
kan garaa isaa keessatti gaabbee
dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
Sababii wanni inni hojjetu hundi dhugaa, karaan isaa hundinuus qajeelaa taʼeef ani Nebukadnezar, Mooticha shamaayʼun sana nan jajadha; isa nan leellisa; ulfinas nan kennaaf. Inni warra of tuulan gad deebisuu dandaʼaatii.
Mootiin Israaʼelis, " ‘Namni miʼa lolaa hidhachaa jiru tokko akka nama miʼa lolaa of irraa hiikaa jiru tokkootti of jajuu hin qabu’ jedhaatii itti hima" jedhee deebise.
Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.
Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.