Publicidade

Ouvir

Por Bíblia Online

Ouvir é uma disciplina espiritual essencial. A Bíblia exorta: 'Quem tem ouvidos, ouça.' A fé vem pelo ouvir, e ouvir é mais que escutar — é obedecer e agir.

A fé vem pelo ouvir

Sem ouvir a Palavra, não há fé. A pregação do evangelho gera fé nos corações de quem ouve com disposição e humildade.

Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Al-Masiihiin dhagaʼama.

Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Al-Masiihiin dhagaʼama.

Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree?

Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu."

Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha:

" Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan;

ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.

Qalbiin saba kanaa doomeeraatii;

gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu;

ija isaaniis dunuunfataniiru.

Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii,

gurra isaaniitiin dhagaʼanii,

qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan;

anis isaan nan fayyisa ture.

Ouvir e obedecer

Não basta ouvir — é preciso praticar. Quem ouve a Palavra e a pratica é como o homem sábio que edificou sobre a rocha.

Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.

Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.

Dhagaʼuu fi Hojii Irra Oolchuu

Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;

Dhagaʼuu fi Hojii Irra Oolchuu

Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu; aariin namaa qajeelummaa Allaaha hin hojjetuutii.

Ijaartota Ogeeyyii fi Gowwoota

"Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata.

Ijaartota Ogeeyyii fi Gowwoota

"Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata. Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee mana sana dhaʼe; manichi garuu waan kattaa irratti hundeeffameef hin jigne. Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne hundi garuu nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata. Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee manicha dhaʼe; manni sunis ni jige; jiguun isaas akka malee hamaa ture."

Iisaan immoo deebisee, " Namni dubbii afaan Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu jedhamee barreeffameera" jedheen.

Inni garuu deebisee, "Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Allaaha dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha" jedhe.

Inni garuu deebisee, "Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Allaaha dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha" jedhe.

Isin waan narraa barattan yookaan narraa argattan yookaan narraa dhageessan yookaan narratti argitan hunda isinis akkasuma godhaa. Allaahan nagaa isin wajjin ni taʼa.

Deus ouve nossas orações

O Senhor ouve os que clamam a Ele de coração sincero. Ele inclina os ouvidos para as nossas súplicas e responde com fidelidade.

Ani Rabbii Allaah nan jaalladha;

inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.

Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef,

ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.

Ani dhiphina koo keessatti Rabbii Allaah nan waammadhe;

gargaarsaafis Allaah kootti nan iyyadhe.

Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe;

iyyi koos gurra isaa seene.

Iji Rabbii Allaah qajeeltota irra jira;

gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;

Rabbii Allaah, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;

anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;

abdiidhaanis nan eeggadha.

Gammachuu fi ilillee na dhageessisi;

lafeen ati caccabsites haa ililchu.

Ani waanan si amanadheef,

akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.

Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,

karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.

Ija jabinni nu fuula Allaaha duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa.

Nu yoo akka inni waan nu kadhannu hunda nuuf dhagaʼu beekne, akka waan isa kadhannes argannu ni beekna.

"Isinis na waammattu; dhuftaniis na duratti duʼaa godhattu; anis isin nan dhagaʼa.

Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.

Cubbuu, Balleessaa Himachuu fi Furama

Dhugumaan harki Rabbii Allaah fayyisuuf gabaabaa miti;

yookaan gurri isaa dhagaʼuu hin didne.

Ouvir a voz de Deus

Jesus disse: 'As minhas ovelhas ouvem a minha voz.' Deus fala através da Palavra, do Espírito e das circunstâncias — cabe a nós ouvir.

Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu.

"Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Allaaha dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.

Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.

Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.

Rabbii Allaah keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.

Wanni Allaahan Hafuura isaa isinii kennee hojii dinqii gidduu keessanitti hojjetuuf sababii isin seera eegdaniif moo sababii isin waan dhageessan amantaniif?

Sabedoria no ouvir

Seja pronto para ouvir e tardio para falar. A sabedoria começa com a disposição de ouvir instrução e aceitar correção.

Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,

gowwummaa fi qaanii dha.

Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa;

kan Rabbii Allaah amanatus eebbifamaa dha.

Akeekkachiisa Waaʼee Ejjaa Irratti Kenname

Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema;

namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.

Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu,

duʼaan isaa balfamaa dha.

Sirba gowwootaa dhagaʼuu mannaa

ifannaa ogeessaa dhaggeeffachuu wayya.

Wanni hundinuu hamma namni tokko

dubbachuu dandaʼu caalaa dadhabsiisaa dha.

Iji argee hin quufu;

yookaan gurri dhagaʼee hin guutu.

" Yoo isin naan mormitanii na dhagaʼuu diddan, ani akkuma cubbuu keessaniitti dhaʼicha dachaa torba isinitti nan fida.

Yoo isin dhaggeeffachuu baattan, yoo isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan qopheessuu baattan, ani abaarsa isinitti nan erga; eebba keessanis nan abaara" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. "Sababii isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan hin qopheessiniif dhugumaan ani amma iyyuu eebba keessan abaareera.

Ani yeroon sitti dubbadhutti garuu afaan kee siifan bana; atis, Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedhaisaaniin jetta. Namni dhagaʼuu barbaadu kam iyyuu haa dhagaʼu; namni dhagaʼuu hin barbaanne kam iyyuu dhagaʼuu haa dhiisu; isaan mana fincilaadhaatii.

Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha;

"Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa;

innis beela dubbii Rabbii Allaah dhagaʼuu ti malee

beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.

Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas duʼaa gochaa, faarfannaadhaanis Allaah galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan.

Yushuʼaanis Israaʼelootaan akkana jedhe; "As kottaatii dubbii Rabbii Allaah keessanii dhagaʼaa.

Wanni isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatiin dhagaʼama; wanni isin gola keessatti gurratti hasaastanis bantii manaa irraa labsama.

Cubbuu Walitti Hojjechuu

"Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.

Cubbuu Walitti Hojjechuu

"Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta. Yoo si dhagaʼuu baate garuu dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuufnama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi. Yoo inni jara dhagaʼuu dide waldaa kiristaanaatti himi; yoo inni waldaa kiristaanaa iyyuu dhagaʼuu dide akka nama ormaattii fi akka qaraxxuutti isa fudhadhu.

Yetroonis waan gaarii Rabbii Allaahan harka warra Gibxi keessaa isaan baasuudhaan saba Israaʼeliif godhe hundaaf ni gammade.

Dambaliin duʼaa na marseera;

lolaan badiisaas na liqimseera.

Funyoon siiʼool natti marame;

kiyyoon duʼaas natti dhufe.

"Ani dhiphina koo keessatti Rabbii Allaah nan waammadhe;

Allaah kootti nan iyyadhe.

Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe;

iyyi koos gurra isaa seene.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-