Pular para o conteúdo
Publicidade

Paciência

Por Bíblia Online

A paciência é fruto do Espírito e virtude essencial da vida cristã. Deus é paciente conosco, e nos chama a ser pacientes com os outros e nas provações.

A paciência de Deus

Deus é clemente e tardio em irar-se. Sua paciência revela seu desejo de que todos se arrependam e cheguem ao conhecimento da verdade.

Rabbii Allaahan gara laafessaa fi arjaa dha;

inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.

Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti.

Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin

garaa keessan tarsaasaa.

Gara Rabbii Allaah keessaniitti deebiʼaa;

inni arjaa fi gara laafessaatii;

inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha;

inni badiisa erguu irraa of qusata.

Taʼus sababuma kanaaf Iisaa Al-Masiihiin akka ani warra jireenya bara baraa argachuuf isatti amananiif fakkeenya taʼuuf ana nama cubbamoota hunda caalaa cubbamaa taʼeen obsa isaa kan dhuma hin qabne sana mulʼisuuf jedhee naa araarame.

Taʼus Rabbii Allaahan isiniif arjoomuu barbaada;

isiniif naʼuufis ni kaʼa:

Rabbii Allaah murtii qajeelaa ti.

Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.

Esperar com paciência

Os que esperam no Senhor renovam as forças. A paciência produz caráter, e o caráter produz esperança que não decepciona.

Rabbii Allaah eeggadhu;

cimi; jabaadhus;

Rabbii Allaah eeggadhu.

Rabbii Allaah duratti calʼisi;

obsaanis isa eeggadhu;

nama karaan isaa qajeeleefitti,

kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.

Rabbii Allaah, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;

anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;

abdiidhaanis nan eeggadha.

Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.

Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; duʼaa gochuutti cimaa.

Rabbii Allaahan isiniif lola; isin gab jedhaa."

Paciência nas provações

O amor é paciente. A paciência é marca de maturidade espiritual e nos permite perseverar mesmo quando as circunstâncias são adversas.

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu.

Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii.

Allaahan obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Al-Masiihii Iisaa qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.

Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.

Kanaafuu isin akkuma warra Allaahaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.

Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis.

Perseverança até o fim

Quem perseverar até o fim será salvo. O domínio próprio é maior que a conquista de uma cidade.

namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.

"Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii.

Goota waraanaa irra nama obsa qabu,

nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.

Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;

kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.

Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu.

Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;

gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;

booʼichi galgala tokko qofaaf tura;

ganama garuu ililleetu taʼa.

Seja o primeiro