A Palavra de Deus
A Palavra de Deus é viva, eficaz e eterna. Desde 'No princípio era o Verbo' até 'O céu e a terra passarão, mas as minhas palavras não hão de passar', ela é a revelação suprema do Criador.
No princípio era o Verbo
A Palavra é Deus encarnado. No princípio era o Verbo, o Verbo estava com Deus, e o Verbo era Deus. Todas as coisas foram feitas por Ele.
Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Allaah wajjin ture; dubbiin sunis Allaah ture.
Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Allaah wajjin ture; dubbiin sunis Allaah ture.
Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
Allaahanis, "Ifni haa taʼu" jedhe; ifnis ni taʼe.
Ilmi calaqqisa ulfina Allaaha ti; eenyummaa Allaahas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee shamaayʼun irra mirga Allaah ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
Addunyaawwan akka ajaja Allaahatiin uumaman, wanni mulʼatus akka waan mulʼatu irraa hin hojjetamin nu amantiidhaan hubanna.
Shamaayʼuniiwwan dubbii Rabbii Allaahatiin hojjetaman;
tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.
A Palavra é viva e eficaz
A Palavra de Deus é mais cortante que espada de dois gumes. Ela julga pensamentos e intenções do coração, transforma e liberta.
Dubbiin Allaaha jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.
Dubbiin Allaaha jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.
"Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?" jedha Rabbii Allaahan.
Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Allaaha ti.
Toda Escritura é inspirada
Toda a Escritura é inspirada por Deus e útil para ensino, correção e instrução na justiça. Ela é perfeita e imutável.
Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Allaahatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu;
Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Allaahatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Allaaha hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Allaahatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Allaaha hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
Luz para o caminho
A Palavra é lâmpada para os pés e luz para nosso caminho. Ela ilumina, orienta e protege o que nela medita dia e noite.
Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha;
daandii kootiif immoo ifa.
Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha;
daandii kootiif immoo ifa.
Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna;
wallaalotaafis hubannaa kenna.
Rabbii Allaah, dubbiin kee bara baraan jiraata;
shamaayʼun keessas jabaatee ni dhaabata.
Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?
Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,
dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha;
seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata.
ש Siinii fi Shiin
Obedecer a Palavra
Seja praticante da Palavra e não apenas ouvinte. Jesus disse que quem ouve e pratica é como o homem sábio que edificou sobre a rocha.
Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa. Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra hin oolchine kam iyyuu nama of-ilaalee keessatti fuula isaa ilaallatu fakkaata; innis erga of ilaalee booddee ni deema; yommusuma maal akka fakkaatu ni irraanfata.
Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa.
"Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata.
Iisaan immoo deebisee, " ‘Namni dubbii afaan Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera" jedheen.
Iisaan immoo deebisee, " ‘Namni dubbii afaan Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera" jedheen.
Inni garuu deebisee, "Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Allaaha dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha" jedhe.
Iisaan immoo deebisee, " ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera" jedheen.
Namoonni hundinuu dinqifatanii, "Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu" waliin jedhan.
A Palavra que permanece
Céus e terra passarão, mas as palavras de Jesus jamais passarão. A Palavra do Senhor permanece para sempre — eterna e infalível.
Shamaayʼunii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Shamaayʼunii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
dubbiin Allaah keenyaa garuu bara baraan ni jiraata."
Dubbiin Rabbii Allaah qajeelaadhaatii;
inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.
Dubbiin Rabbii Allaah qajeelaadhaatii;
inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.
"Dubbiin Allaaha hundinuu hirʼina hin qabu;
warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
Rabbii Allaahan ogummaa namaa kennaatii;
afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
Rabbii Allaahan ogummaa namaa kennaatii;
afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
O poder da Palavra
A Palavra transforma, sara e liberta. Quem permanece na Palavra de Jesus conhece a verdade, e a verdade o liberta.
Iisaan Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; "Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti.
Iisaan Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; "Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti. Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa."
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu."
"Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.
Isin dubbii ani isinitti dubbadheen amma qulqulluu dha.
Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
Erga inni duʼaa kaʼee booddee barattoonni isaa waan inni dubbatee ture sana yaadatan. Isaanis Katabbii Qulqulluu fi dubbii Iisaan dubbate amanan.
Sababii dubbii isaatiinis namoonni biraa baayʼeen isatti amanan.
Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa."
Meditar na Palavra
A meditação na Palavra traz prosperidade e bom sucesso. Ela é fonte de sabedoria, consolo e orientação para toda a vida.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe;
innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe;
yaa Rabbii Allaah, Allaah Gooftaa Waan Hunda Dandeessu,
ani maqaa keetiin nan waamamaatii.
kunis yoo ati, "Iisaan Gooftaa dha" jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Allaahan warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita. Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.
Allaah ani dubbii isaa jajadhu,
Allaah nan amanadha; homaa hin sodaadhu.
Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
Allaah kana karaan isaa mudaa hin qabu;
dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu;
warra isatti kooluu galan hundaaf Rabbii Allaahan gaachana taʼa.
Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;
harki kee mirgaa ol na qabeera;
gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
Akka koomeen koo hin mucucaanneef,
miilla kootiif daandii balʼifteerta.
Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis
bara baayʼee hawwu eenyu?
Arraba kee waan hamaa irraa,
afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
Innis gad si deebisee si beelessee "mannaa" ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan Rabbii Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.
Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;
Kanaafuu gorsa Al-Masiihiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan, gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa. Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.
Yaadni Al-Masiihi Iisaa keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
Inni utuma bifa Allaahatiin jiruu,
wal qixxummaa Allaah wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee
fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,
gad of deebise;
duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
Kanaafuu Allaahan akka malee ol isa qabe;
maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.
Kunis akka jilbi hundinuu shamaayʼunii fi lafa irratti,
lafa jalattis, maqaa Iisaaf jilbeenfatuuf.
Akka arrabni hundinuus ulfina Allaah Abbaatiif jedhee
Iisaa Al-Masiihiin Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa; akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Allaahatii.
Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Allaaha warra yakka hin qabnes taataniif, yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Al-Masiihiitti of jajuu nan dandaʼa. Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada. Kanaafuu isinis na wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu.
Ani oduu waaʼee keessanii dhagaʼee gammaduuf, akka ani dafee Xiimotewosin gara keessanitti erguu dandaʼu Gooftaa Iisaa nan abdadha. Ani nama biraa kan akka isaa waaʼee keessan garaa qulqulluun yaadu tokko illee hin qabu. Sababiin isaas warri kaan hundi utuu fedhii Iisaa Al-Masiihiif hin taʼin fedhii mataa isaaniitiif yaaduutii. Xiimotewos garuu akkuma ilmi abbaa isaa tajaajilutti hojii injiilaa keessatti na wajjin tajaajiluu isaa akka of mirkaneesse isinuu beektu. Kanaaf ani akkuma haala koo hubadheen isa erguuf nan abdadha. Ani mataan koo iyyuu dafee dhufuuf Gooftaa nan amanadha.
Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata. Inni hunda keessan yaadaatii; isin akka inni dhukkubsatee ture waan dhageessaniifis dhiphachaa jira. Inni dhugumaan dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Allaahan garuu isa maareera; utuu isa qofa hin taʼin akka gaddi gadda irratti natti hin dabalamneef anas baraareera. Kanaafuu isin akka yommuu lammata isa argitanitti gammaddanii fi akka yaaddoon koos naa salphatuuf dafee gara keessanitti isa erguu guddaa nan hawwa. Isinis Gooftaadhaan gammachuu guddaan isa simadhaa; namoota akkasiis kabajaa; inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Al-Masiihiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii.
Palavras de vida
As palavras de Deus são espírito e vida. Quem fala deve falar como oráculos de Deus, com verdade, sabedoria e edificação.
Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana;
arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.
Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa;
dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.
Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti;
afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa;
jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa;
dubbii arraba isaatiinis ni guuta.
Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;
warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
Wanni afaan namaatii baʼu garuu nama keessaa baʼa; namichas ni xureessa. Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.
Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu. Dubbii keetiin qajeelaa taasifamtaatii; dubbii keetiinis sitti murama."
Isin yaa ijoollee buutii nana, isin warri hamoon akkamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa guute afaan dubbataatii.
Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.
Fardi akka nuuf ajajamuuf yoo afaan isaa luugamne dhagna isaa guutuu gara barbaanne geessuu dandeenya. Mee doonii illee ilaalaa! Dooniin yoo akka malee guddaa taʼee bubbee jabaadhaan oofame illee namichi isa oofu batoo xinnoo isheetiin gara barbaadetti geessa. Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa. Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda jahaannamiitiin gubama.
Bineensonni gosa hundaa, simbirroonni, uumamawwan lafa irra looʼanii fi galaana keessa jiraatan hundinuu namaan madaqfamu; madaqfamaniirus; arraba garuu namni tokko iyyuu leenjisuu hin dandaʼu. Arrabni hamaa boqonnaa hin qabnee dha; summii nama ajjeesuunis kan guutamee dha.
Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Al-Masiihiin dhagaʼama. Ani garuu: Isaan hin dhageenye moo? jedhee nan gaafadha; dhugumaanuu isaan dhagaʼaniiru:
"Sagaleen isaanii lafa hunda,
dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe."