Gravidez e maternidade
Gravidez e maternidade são bênçãos celebradas na Bíblia. Deus forma cada criança no ventre, cuida da mãe e da família, e abençoa a geração dos justos.
Filhos são herança do Senhor
Deus abençoa a fertilidade e o crescimento das famílias. Cada criança é obra de suas mãos, conhecida e amada antes mesmo de nascer.
Ati saboota kam iyyuu caalaa ni eebbifamta; dhiira yookaan dubartii kee keessaa tokko illee ijoollee hin dhabu yookaan loon kee keessaa tokko illee hin maseenu.
Israaʼeloonni garuu horanii akka malee baayʼatan; baayʼataniis akka malee jabaatan; biyyattii keessas ni guutan.
Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa;
dhaloonni tolootaa ni eebbifama.
Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;
gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
sin galateeffadha;
hojiin kee dinqisiisaa dha;
kanas ani akka gaariittan beeka.
Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,
lafeen koo si duraa hin dhokanne.
Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.
Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin,
kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;
iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee
daʼuu nan dhowwaa?"
jedha Rabbii Allaahan.
"Ani daʼumsaan gaʼee
gadameessa nan cufaa?"
jedha Allaahan kee.
Força e cuidado na gravidez
Deus dá forças à mulher grávida e a sustenta em cada etapa. Sua graça é suficiente e seu poder se aperfeiçoa na fraqueza.
Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
Inni garuu, "Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii" naan jedhe. Kanaafuu humni Al-Masiihii akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.
Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi;
kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi;
na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.
Yeroo garaan koo citetti,
ani handaara lafaatii sin waammadha;
ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.
Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata;
xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba;
ofitti qabees qoma isaatti hammata;
haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.
"Yaa mana Yaaʼikuub,
isin hambaan mana Israaʼel hundi,
warri ani gaafa isin gadameessa keessatti uumamtanii jalqabee ol isin qabee
gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.
Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti,
ani isa; isuma isin jiraachisuu dha.
Ani isin uumeera; isinan baadhas;
ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
A bênção da maternidade
A Bíblia honra a maternidade como ministério sagrado. As mães são instrumentos de Deus para formar vidas e transmitir a fé.
Taʼus dubartoonni yoo amantiin, jaalalaa fi qulqullinaan, naamusaan jiraatan ijoollee daʼuudhaan ni fayyu.
Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun;
dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
Aadam niitii isaa Haawaa bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaabiilin deesse. Isheenis, "Ani gargaarsa Rabbii Allaahatiin ilma tokko argadheera" jette.
Rabbii Allaahan akkuma dubbate sana Saaraa yaadate; Rabbii Allaahan waan waadaa galeef sana ni raawwateef. Saaraan ulfooftee bara dulluma isaa keessa yeruma Allaahan waadaa isaaf seene sanatti Ibraahimiif ilma deesse.
Yisihaaq sababii niitiin isaa dhabduu turteef Rabbii Allaah duratti duʼaa isheef godhe. Rabbii Allaahanis duʼaa isaatiif deebii kennee niitiin isaa Ribqaani ulfoofte.
Haannaan ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse. Maqaa isaas, "Ani Rabbii Allaah irraa isa kadhadheeraatii" jettee Saamuʼeel jettee moggaafte.
Proteção divina
Deus protege a mãe e o bebê, guardando-os de todo mal. Ele acompanha cada momento com ternura e fidelidade.
Namni daʼoo Allaah Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,
gaaddisa Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
Anis Rabbii Allaahan, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;
Allaah koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.
Rabbii Allaahan miidhaa hunda irraa si eega;
inni lubbuu kee ni eega;
Rabbii Allaahan ammaa jalqabee
hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.
"Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke;
utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe;
akka ati sabootaaf nabiiʼiyyii taatuufis si muude."
"Yoo namoonni wal lolaa jiran dubartii ulfoofte tokkotti buʼanii ulfii garaadhaa baʼee garuu miidhamni hamaan ishee hin qaqqabin, namichi ishee miidhe sun waan dhirsi dubartittii isa gaafatee fi waan abbootiin murtii murteessan baasuu qaba. Yoo miidhamni hamaan jiraate garuu, qooda lubbuu, lubbuu;
"Haati daaʼima ishee kan hoosiftu
irraanfachuu ni dandeessii?
Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu?
Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
Esperança e promessa
A maternidade é caminho de esperança. Como Sara, Ana e Isabel, as mães encontram na fé a força para aguardar as promessas de Deus.
Saaraan yoo umurii daʼumsaa dabartee, dhabduu turte illee isheen waan Allaah waadaa isheef gale sana amanamaa gootee fudhatteef, amantiidhaan mucaa daʼu dandeesse.
Wanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!"
Mariyaamis akkana jette:
"Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti;
hafuurri koos fayyisaa koo Allaahatti ni gammada;
inni salphina garbittii isaa argeeraatii.
Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha;
Inni humna qabeessi sun waan guddaa naa godheeraatii;
maqaan isaa qulqulluu dha.
Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti,
dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa.
Haalleluuyaa.
Ani ishee nan eebbisa; ishee irraas ilma siif nan kenna. Akka isheen haadha sabootaa taatuufis ishee nan eebbisa; mootonni sabootaas ishee keessaa argamu."
Niitiin kee mana kee keessatti,
akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;
ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,
akka lataa muka ejersaa ni taʼu.