Publicidade

Gênesis 25

Ibraahim Duʼuu Isaa

1 Ibraahimis niitii biraa kan maqaan ishee Qexuuraa jedhamu fuudhe. 2 Isheenis Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa isaaf deesse. 3 Yoqshaan Shebaa fi Dedaan dhalche; ilmaan Dedaan immoo Ashuurim, Letuushimotaa fi Leʼumoota turan. 4 Ilmaan Midiyaan Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa turan. Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti.

5 Ibraahim waan qabu hundumaa Yisihaaqiif kenne. 6 Ilmaan saajjatoowwan isaatiif garuu utuma lubbuun jiruu kennaa kenneefii ilma isaa Yisihaaq biraa gara biyya baʼa biiftuutti isaan erge.

7 Ibraahim waggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate. 8 Innis umurii dheeraa fi jireenya gaarii jiraatee dulloomee hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame. 9 Ilmaan isaa Yisihaaqii fi Ismaʼiil lafa qotiisaa Efroon ilma Zoohar namicha gosa Heeti sanaa keessatti holqa Makfelaa kan Mamree biratti argamutti isa qabbaran. 10 Lafti qotiisaa sunis kan Ibraahim Heetota irraa bitatee dha; Ibraahimis achitti niitii isaa Saaraa biratti qabbarame. 11 Erga Ibraahim duʼee booddee Allaahan ilma isaa Yisihaaqin eebbise; Yisihaaqis Beʼeer Lahaayirooʼii bira jiraate.

Ilmaan Ismaʼiil

12 Seenaan maatii Ismaʼiil ilma Ibraahim kan Haagaar garbittiin Saaraa intalli biyya Gibxi sun Ibraahimiif deesse sanaa kana.

13 Maqaan ilmaan Ismaʼiil kan akkuma dhaloota isaaniitti tartiibaan barreeffame kana:

Nabaayooti ilma Ismaʼiil hangafticha,

Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami,

14 Mishmaa, Duumaa, Maasaa,

15 Hadaad, Teemaa, Yexuur,

Naafiishii fi Qeedmaa.

16 Jarri kunneen ilmaan Ismaʼiil; maqaawwan kunneenis akkuma gandootaa fi iddoo qubata isaaniitti maqaawwan bulchitoota gosoota kudha lamaanii ti.

17 Ismaʼiil waggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba jiraate; innis hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame. 18 Sanyiin isaa immoo daangaa Gibxi bira, karaa Asooritti geessu irra, lafa Hawiilaa jalqabee hamma Shuuriitti jiru irra jiraatan. Isaanis obboloota isaanii hundatti diina taʼanii jiraatan.

Yaaʼikuubii fi Esaawu

19 Seenaan maatii Yisihaaq ilma Ibraahim kana.

Ibraahim Yisihaaqin dhalche; 20 Yisihaaq yeroo Ribqaa fuudhetti nama waggaa afurtamaa ture; Ribqaan kunis intala Betuuʼeel namicha Arraam kan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii fi obboleettii Laabaa namicha Arraam sanaa ti.

21 Yisihaaq sababii niitiin isaa dhabduu turteef Rabbii Allaah duratti duʼaa isheef godhe. Rabbii Allaahanis duʼaa isaatiif deebii kennee niitiin isaa Ribqaani ulfoofte. 22 Daaʼimmanis garaa ishee keessatti wal dhiibaa turan; isheenis, "Wanni kun maaliif natti dhufe?" jette; kanaafuu Rabbii Allaah gaafachuu dhaqxe.

23 Rabbii Allaahan immoo akkana jedheen;

"Saboota lamatu gadameessa kee keessa jira;

uummanni lamaan ati deessus gargari baʼu;

sabni tokko saba kaan irra ni jabaata;

inni hangafni isa quxisuu tajaajila."

24 Yeroo daʼumsi ishee gaʼetti ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture. 25 Mucaan jalqabatti dhalate diimaa dha; dhagni isaa guutuun uffata rifeensa qabu fakkaata ture; kanaafuu Esaawu jedhanii isa moggaasan. 26 Kana booddee obboleessi isaa koomee Esaawu harkaan qabatee gad baʼe; maqaan isaas Yaaʼikuub jedhame. Yeroo Ribqaan isaan deessetti, Yisihaaq nama waggaa jaatamaa ture.

27 Ijoolleen kunis ni guddattan; Esaawu adamsaa beekamaa fi nama bakkee ooluu taʼe; Yaaʼikuub garuu nama calʼisaa dunkaana keessa oolu taʼe. 28 Yisihaaq waan foon bineensa bosonaa miʼeeffateef Esaawun jaallate; Ribqaan garuu Yaaʼikuubin jaallatte.

29 Gaaf tokko utuu Yaaʼikuub ittoo qopheessaa jiruu Esaawu akka malee beelaʼee bakkeedhaa dhufe. 30 Innis Yaaʼikuubiin, "Ani akka malee beelaʼeeraatii, mee ittoo diimaa sana irraa xinnoo naa kenni!" jedhe. Sababiin inni Edoom jedhameefis kanuma.

31 Yaaʼikuub immoo deebisee, "Dura mirga hangafummaa keetii natti gurguri kaa" jedhe.

32 Esaawus, "Kunoo, ani duʼuu gaʼeera; yoos mirgi hangafummaa maal na fayyada ree?" jedhe.

33 Yaaʼikuub garuu, "Duraan dursii naa kakadhu" jedheen; akkasiin inni kakatee mirga hangafummaa isaa Yaaʼikuubitti gurgurate.

34 Ergasiis Yaaʼikuub buddeenaa fi ittoo misiraa Esaawuuf kenne; innis nyaatee dhugee kaʼee achii deeme.

Esaawus akkasiin mirga hangafummaa isaa tuffate.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-