Protecção e segurança
Deus é nosso protetor e refúgio seguro. Em todas as circunstâncias, a Bíblia nos assegura que o Senhor guarda, sustenta e protege aqueles que nele confiam.
Deus, a nossa fortaleza
O Senhor é refúgio e fortaleza, socorro bem presente na angústia. Quem habita no esconderijo do Altíssimo descansa à sombra do Todo-Poderoso.
Allaahan daʼoo fi jabina keenya;
inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
Allaahan daʼoo fi jabina keenya;
inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
Namni daʼoo Allaah Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,
gaaddisa Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
Anis Rabbii Allaahan, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;
Allaah koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.
Inni baallee isaatiin si dhoksa;
atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta;
amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
Kumni tokko si cinatti,
kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa;
garuu sitti hin dhiʼaatu.
Ati waan Rabbii Allaah iddoo kooluu itti galtu,
Allaah Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,
wanni hamaan si hin tuqu;
dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.
Rabbii Allaahan ibsaa kootii fi fayyina koo ti;
ani eenyunan sodaadha?
Rabbii Allaahan daʼoo jireenya kootii ti;
eenyutu na sodaachisa?
Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;
inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.
Rabbii Allaahan warra cunqurfamaniif irkoo dha;
yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
O escudo do Senhor
Deus nos rodeia com sua proteção como um escudo. Ele é rocha, baluarte e libertador. Sua fidelidade nos cobre e nos guarda.
Rabbii Allaah, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti;
ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
Rabbii Allaah, diinonni koo akkam baayʼatu!
Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!
Namoonni baayʼeen, "Allaahan isa hin baraaru" jedhanii
waaʼee koo dubbatu.
Rabbii Allaah, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti;
ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
Ani guddisee Rabbii Allaahatti nan iyyadha;
innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.
Ani nan ciisa; nan rafas;
waan Rabbii Allaahan ol na qabuuf nan dammaqa.
Saba kumaatama qixa hundaan
kaʼee na marse ani hin sodaadhu.
Allaah kana karaan isaa mudaa hin qabu;
dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu;
warra isatti kooluu galan hundaaf Rabbii Allaahan gaachana taʼa.
Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;
harki kee mirgaa ol na qabeera;
gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
Akka koomeen koo hin mucucaanneef,
miilla kootiif daandii balʼifteerta.
Rabbii Allaahan kattaa koo,
isa harka koo waraanaaf,
quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.
Inni Allaah na jaallatuu fi daʼoo koo ti;
iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti.
Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu,
kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.
isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawudin
goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha.
Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan;
bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan.
Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif
ati eegumsa kee isaan irra diriirsi.
Rabbii Allaah, ati qajeeltota ni eebbiftaatii;
akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.
Yaa Allaah, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha;
gurra kee gara kootti qabiitii duʼaa koo dhagaʼi.
Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan
harka kee mirgaatiin oolchitu,
ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.
Akka agartuu ija keetiitti na eegi;
gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;
hamoota na dhiphisan jalaa,
diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.
Mootichi Rabbii Allaah amanataatii;
sababii jaalala Allaah Waan Hundaa Olii
kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.
Harki kee diinota kee hunda ni qabata;
harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.
Yeroo mulʼachuu keetiitti,
akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota.
Rabbii Allaahan dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa;
ibiddis isaan fixa.
Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha;
rakkina irraa na eegda;
faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.
Segurança e provisão
O Senhor supre todas as necessidades dos seus filhos. Quem busca o Reino primeiro não precisa temer — nada faltará aos que temem ao Senhor.
Rabbii Allaahan tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.
Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas;
namni Rabbii Allaah barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.
Rabbii Allaah amanadhu; waan gaariis hojjedhu;
biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;
garuu qajeeltonni gatamuu isaanii
yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
Allaahan koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Al-Masiihi Iisaadhaan isiniif guuta.
Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.
Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin duʼaa hin godhin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.
"Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa. Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni shamaayʼun irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!
Guarda e livramento
O anjo do Senhor acampa ao redor dos que o temem e os livra. Deus promete guardar todas as nossas saídas e entradas para sempre.
Malaʼikkaan Rabbii Allaah naannoo warra Allaah sodaatanii
ni qubata; isaan ni oolchas.
Rabbii Allaahan lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;
warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.
Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;
gargaarsi koo eessaa dhufa?
Gargaarsi koo Rabbii Allaah
shamaayʼunii fi lafa uume biraa dhufa.
Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;
kan si eegu hin mugu;
dhugumaan inni Israaʼelin eegu
hin mugu; hin rafus.
Rabbii Allaahan si eega;
Rabbii Allaahan karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;
guyyaa aduun si hin gubu;
halkanis jiʼi si hin miidhu.
Rabbii Allaahan miidhaa hunda irraa si eega;
inni lubbuu kee ni eega;
Rabbii Allaahan ammaa jalqabee
hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.
Yaa Allaah, ani kooluu sitti galeeraatii,
ati na eegi.
Yaa Allaah, ani kooluu sitti galeeraatii,
ati na eegi.
Ani yeroo hunda fuula koo duraa Rabbii Allaah qaba.
Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
Ani yeroo hunda fuula koo duraa Rabbii Allaah qaba.
Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
Guyyaa rakkinaatti Rabbii Allaahan deebii siif haa kennu;
maqaan Allaah Yaaʼikuubis si haa eegu.
Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu;
Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.
Lubbuu koo eegi; na oolchis;
sababii ani kooluu sitti galeef,
akka ani qaanaʼu na hin godhin.
Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi
qajeelummaan ana haa eegan.
Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha;
guddinni humna isaas nama hin oolchu.
Garuu iji Rabbii Allaah warra isa sodaatan irra,
warra araara isaa abdatan irras jira;
inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa;
bara beelaas isaan ni jiraachisa.
Lubbuun keenya abdiidhaan Rabbii Allaah eeggatti;
innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.
Confiança inabalável
Melhor é confiar no Senhor do que confiar no homem. Quem anda em integridade anda seguro, e a torre forte do nome do Senhor protege o justo.
Rabbii Allaahan na wajjin jira; ani hin sodaadhu;
namni maal na gochuu dandaʼa?
Nama amanachuu irra,
Rabbii Allaahatti kooluu galuu wayya.
Maqaan Rabbii Allaah gamoo jabaa dha;
namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
Maqaan Rabbii Allaah gamoo jabaa dha;
namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
Namni Rabbii Allaah sodaatu daʼannoo jabaa qaba;
ijoolleen isaas daʼoo argatu.
Rabbii Allaahan irkoo siif taʼaatii;
akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega.
Namni amanamaan sodaa malee deema;
kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
"Dubbiin Allaaha hundinuu hirʼina hin qabu;
warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
"Dubbiin Allaaha hundinuu hirʼina hin qabu;
warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
Qajeelummaatu nama tolaa tiksa;
hamminni garuu cubbamaa galaafata.
Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata;
garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.
Rabbii Allaahan ogummaa namaa kennaatii;
afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa;
warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;
inni daandii tolootaa ni eega;
karaa qulqulloota isaa illee ni tiksa.
Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata;
wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama;
moʼichi garuu kan Rabbii Allaah ti.
Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;
burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
A presença protetora
O Senhor prometeu estar conosco e nunca nos desampara. Ele é como sombra à nossa direita e fortaleza em todo o tempo.
Cimaa; jabaadhaa. Rabbii Allaahan keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."
Allaahan bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti;
irreen bara baraas si jalaan jira.
Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee
diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
Waaʼee Biniyaam akkana jedhe:
"Namni Rabbii Allaahan isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu;
inni guyyaa guutuu isa eegaatii;
namni Rabbii Allaahan isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota."
meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu;
atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta.
Kun dhaala tajaajiltoota Rabbii Allaah ti;
innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha"
jedha Rabbii Allaahan.
Inni sitti irkateeraatii,
nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru,
ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti,
ani isa; isuma isin jiraachisuu dha.
Ani isin uumeera; isinan baadhas;
ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
Akkuma simbirroon mataa namaa irra naannoftu sana
Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemiif gaachana taʼa;
inni gaachana taʼeefii ishee baraara;
ishee bira darba; ishee oolchas."
waan qajeelaa hojjechuu baradhaa!
Murtii qajeelaa barbaadaa;
warra hacuucame jajjabeessaa.
Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa;
haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan,
waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu;
garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata."
Afaan Rabbii Allaah waan kana dubbateeraatii.
Rabbii Allaahan isiniif lola; isin gab jedhaa."
Rabbii Allaahan gaarii dha;
yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Inni warra isa amanatan ni beeka;
Promessas de cuidado
Deus garante que nem um fio de cabelo cairá sem sua permissão. Ele deseja que vivamos em paz, confiança e segurança total nele.
Daaloteen lama saantima tokkotti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu fedhii Abbaa keessanii malee lafa hin buutu. Rifeensi mataa keessanii hundis lakkaaʼameera. Kanaaf hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
Isin yoo amantii qabaattan waan duʼaadhaan gaafattan hunda ni argattu."
Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba. Garuu rifeensi mataa keessanii tokko iyyuu hin badu. Isin jabaadhaa dhaabadhaa; yoos lubbuu keessan ni oolfattu.
Iisaanis, "Yeroo ani borsaa, korojoo yookaan kophee malee isin erge sana waa isin duraa hirʼateeraa?" jedhee isaan gaafate.
Isaanis deebisanii, "Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne" jedhan.
Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Allaahan nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?
Kanaaf nu ija jabinaan,
"Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.
Namni maal na gochuu dandaʼa?" jenna.
Kanaafuu Allaahaf bulaa. Ibliisiin immoo mormaa; innis isin baqataa.
Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas.
Fidelidade e aliança
Deus é fiel à sua aliança. Ele protege cada promessa que faz e guarda os seus como a menina dos seus olhos.
Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin cimsa; isa hamaa irraas isin eega.
Nus sababii ajaja isaa eegnuu fi sababii waan isa gammachiisu hojjennuuf waan kadhannu hunda isa irraa ni arganna.
Ija jabinni nu fuula Allaaha duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa. Nu yoo akka inni waan nu kadhannu hunda nuuf dhagaʼu beekne, akka waan isa kadhannes argannu ni beekna.
Namni Allaah irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Allaah irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu.
Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi. Ani yeroo isaan wajjin turetti, maqaa kee kan ati naa kennite sanaan isaan nan eege; isaan eegeeras. Akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin badne.
Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si duʼaa hin godhu.
Rabbii Allaah malee Allaahan eenyu?
Allaah keenya malees Kattaan eenyu?
Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee haa taʼu; yaa Rabbii Allaah Gooftaa, ati dubbatteertaatii; eebba keetiinis manni garbicha keetii bara baraan ni eebbifama."
Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate. Warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Rabbii Allaahanis Daawudiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii nan godha.
" ‘Ajaja koo duukaa buʼaa; seera koo illee eegaa; isinis biyyattii keessa nagaan ni jiraattu.
Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa."
Dhugumaan Rabbii Allaahan Gooftaan
utuu tajaajiltoota isaa nabiiʼiyyootatti hin mulʼisin
waan tokko illee hin hojjetu.
Provisão diária
Deus satisfaz os desejos do coração dos seus filhos. Ele abençoa, renova as forças e sustenta dia após dia quem nele confia.
Rabbii Allaah araara kee na hin dhowwatin;
jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.
Yaaddoo kee Rabbii Allaahatti kennadhu;
inni si jiraachisa;
namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha;
ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha;
ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis
ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
Mootiin garuu Allaahatti ni gammada;
namni Allaahan kakatu hundinuu ulfina argata;
afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.
Allaahaf faarfadhaa;
faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;
isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;
maqaan isaa Rabbii Allaah dha;
fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.
Allaahan warra abbaa hin qabneef abbaa,
niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun
iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu,
Allaahan Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.
Ani Rabbii Allaah kee,
kan Gibxii baasee isin fidee dha.
Afaan kee balʼisii banadhu; ani nan guutaa.
Rabbii Allaahan, Allaahan aduu fi gaachanaatii;
Rabbii Allaahan surraa fi ulfina ni kenna;
inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee,
harka hamootaa jalaa isaan baasuuf,
warri Rabbii Allaah jaallatan hammina haa jibban.
Rabbii Allaahan garraamota ni eega;
yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.
Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi;
Rabbii Allaahan waan gaarii siif godheeraatii.
Ati yaa Rabbii Allaah lubbuu koo duʼa irraa,
ija koo imimmaan irraa,
miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,
ani biyya warra jiraatoo keessa,
fuula Rabbii Allaah dura nan jiraadha.
Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti;
ani dubbii kee abdadheera.
Rabbii Allaahan mana ijaaruu baannaan,
warri ijaaran akkasumaan dadhabu.
Rabbii Allaahan magaalaa eeguu baannaan,
warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.
"Ani achitti akka gaanfi tokko Daawudiif biqilu nan godha;
dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
Diinota isaatti qaanii nan uffisa;
gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa."
Rabbii Allaahan kaayyoo isaa fiixaan naa baasa;
yaa Rabbii Allaah, jaalalli kee bara baraan jiraata;
hojii harka keetii hin gatin.
Ati harka kee balʼiftee
fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.
Inni warra cunqurfamaniif ni mura;
warra beelaʼaniif nyaata kenna.
Rabbii Allaahan warra hidhaman illee ni hiika;
Rabbii Allaahan jaamotaaf agartuu ni kenna;
Rabbii Allaahan warra gad deebiʼan ol qaba;
Rabbii Allaahan qajeeltota ni jaallata.
Rabbii Allaahan alagaadhaaf eegumsa ni godha;
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi
dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa;
karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.
Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas;
yaa Rabbii Allaah si qofatu,
sodaa malee na jiraachisaatii.
Haxxummaa ibliisiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Allaaha guutuu hidhadhaa.
Haxxummaa ibliisiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Allaaha guutuu hidhadhaa. Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo shamaayʼun keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii.
"Namni Allaah ni saamaa?" Taʼus isin na saamtan.
"Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu.
"Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan. Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu. Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa shamaayʼun banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
Ani isaanii fi iddoowwan tulluu koo marsanii jiran nan eebbisa. Bokkaas yeroo isaatti nan roobsa; roobni sunis rooba eebbaa ni taʼa.
Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sana
ogummaanis daʼoo dha;
faayidaan beekumsaa garuu kana:
innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti.
Akkasuma immoo akka warri injiila lallaban waan ittiin jiraatan injiila irraa argatan Gooftaan ajajeera.
Maallaqa jaallachuun hidda hammina gosa hundumaatii. Namoonni tokko tokko akka malee maallaqa jaallachuun amantii irraa badanii dhiphina baayʼeen of waraananiiru.
Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa."
Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.