Publicidade

Sonhos

Por Bíblia Online

Sonhos aparecem em toda a Bíblia como meio de revelação divina. Deus falou através de sonhos a patriarcas, profetas e servos, mas também alertou contra falsos sonhadores.

Sonhos como revelação divina

Deus usou sonhos para comunicar sua vontade a homens e mulheres ao longo da história bíblica, revelando caminhos e mistérios.

inni akkana jedheen; "Dubbii koo dhagaʼaa:

"Yoo nabiiʼiyyiin Rabbii Allaah gidduu keessan jiraate,

ani mulʼata keessa isatti of nan mulʼisa;

abjuudhaanis isatti nan dubbadha.

Guyyaa Rabbii Allaah

"Anis kana booddee,

Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa.

Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;

jaarsoliin keessan abjuu abjootu;

dargaggoonni keessan mulʼata argu.

Haasaa Phexros

Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; "Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa. Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne! Kun garuu waan Yooʼeel nabiiʼiyyichi dubbatee dha; innis akkana jedha:

" Bara dhumaa keessa, jedha Allaahan,

ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa;

ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;

dargaggoonni keessan mulʼata argu;

jaarsoliin keessan abjuu abjootu.

Allaahanis dargaggoota afran kanneeniif barumsaa fi ogummaa hunda keessatti beekumsaa fi dandeetii kenneef. Daaniʼelis mulʼataa fi abjuu hunda hubachuu dandaʼa ture.

Mootichis Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanaan, "Ati abjuu ani argee fi hiikkaa isaa natti himuu dandeessaa?" jedhe.

Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; "Namni ogeessi kam iyyuu, mortuun, tolchituun yookaan ilaaltuun icciitii waan mootichi gaafate sanaa ibsuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru; garuu Allaahan icciitii mulʼisuu tokko shamaayʼun irra jira. Innis wantoota baroota dhufan keessa taʼan Nebukadnezar mootichatti argisiiseera. Abjuun keetii fi mulʼanni utuu ati siree kee irra ciiftuu yaada keetti dhufe kanaa dha:

Sonhos na história da Bíblia

De José no Egito a José pai de Jesus, Deus guiou a história da salvação através de sonhos, protegendo e dirigindo seu povo.

Isaanis, "Nu lachuu abjuu abjoonnee nama nuu hiiku dhabne" jedhaniin.

Kana irratti Yuusuf, "Hiikkaan kan Allaaha ti mitii? Mee abjuu keessan natti himaa" jedheen.

Faraʼoonis Yuusufiin, "Ani abjuu abjoodheen ture; garuu namni tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenye. Ani akka ati yeroo abjuu dhageessu hiikuu dandeessu dhagaʼeera" jedhe.

Yuusuf immoo, "Ani hiikuu hin dandaʼu; Allaahan garuu Faraʼooniif deebii nagaa ni kenna" jedhee Faraʼooniif deebise.

Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, malaʼikkaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yuusuf ilma Daawud, kaadhimni kee Mariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Iisaa jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."

Utuu Phiilaaxoos barcuma murtii irra taaʼuu niitiin isaa, "Namicha qajeelaa sana hin tuqin; ani eda sababii isaatiif abjuudhaan akka malee dhiphadheeraatii" jettee itti dhaamte.

Zabuurii ol baʼuu.

Yeroo Rabbii Allaahan warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti,

nu akka warra abjuu abjootanii taane.

Sabedoria sobre sonhos

A Bíblia ensina discernimento: nem todo sonho vem de Deus. Devemos entregar nossos planos ao Senhor e confiar na direção dele.

Waan hojjettu hunda Rabbii Allaahatti kennadhu;

karoorri kees siif milkaaʼa.

Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;

garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Rabbii Allaah ti.

Waaqeffatamtoota Biraa waaqeffachuu

Yoo nabiiʼiyyiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime, yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, "Kottu waaqeffatamtoota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu" siin jedhe, ati dubbii nabiiʼiyyii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; Rabbii Allaahan kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii. Rabbii Allaah keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.

"Ani waan nabiiʼiyyoonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!jedhu. Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa nabiiʼiyyoota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata?

"Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma" jedha Rabbii Allaahan, "Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan" jedha Rabbii Allaahan.

Abjuun baayʼina hojiitiin dhufa; haasaan gowwaas

baayʼina dubbiitiin beekama.

Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Allaah sodaadhu.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-