Publicidade

Trabalho

Por Bíblia Online

O trabalho é uma ordenança divina desde a criação. Deus colocou o homem no jardim para cultivar e guardar, revelando que o labor é parte do propósito humano e um meio de glorificá-lo.

Trabalho como vocação divina

Deus nos criou para trabalhar com propósito. O trabalho é expressão da imagem divina em nós e deve ser feito como para o Senhor.

Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa;

Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Al-Masiihii Goofticha.

Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Iisaatiin hojjedhaa; isumaanis Allaah Abbaa galateeffadhaa.

Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa; sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu.

Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Allaahatiif hojjedhaa.

Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa.

Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu.

Diligência e recompensa

A mão diligente enriquece, mas a preguiça traz pobreza. A Bíblia valoriza o esforço honesto, dedicado e perseverante em toda obra.

Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa;

harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.

Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;

dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.

Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;

dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.

Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa;

oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.

Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi;

karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi!

Inni ajajaa hin qabu;

toʼataa yookaan bulchaa hin qabu;

taʼu illee inni bona keessa nyaata isaa kuufata;

yeroo midhaan galfamutti immoo nyaata isaa walitti qabata.

Yaa dhibaaʼaa nana, ati hamma yoomiitti ciifta?

Ati yoomi hirriba keetii kaata?

Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa,

xinnoo harka walitti marachuu,

hiyyummaanis akkuma hattuutti sitti dhufa;

deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.

Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,

obboleessa nama waa balleessuu ti.

Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin;

midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.

Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada;

namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.

Eebbi Rabbii Allaah nama sooromsa;

inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.

Planejamento e excelência

A excelência no trabalho honra a Deus. Devemos nos dedicar com competência, entregar nossos planos ao Senhor e buscar o melhor em cada tarefa.

Waan hojjettu hunda Rabbii Allaahatti kennadhu;

karoorri kees siif milkaaʼa.

Waan hojjettu hunda Rabbii Allaahatti kennadhu;

karoorri kees siif milkaaʼa.

Jecha jaʼaffaa

Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee?

Inni fuula moototaa dura dhaabata;

fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.

Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Allaaha duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.

Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Allaaha duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.

Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Allaahatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Allaaha hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.

Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; qabrii ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii.

Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Allaaha warra yakka hin qabnes taataniif,

O contentamento no trabalho

Deus nos dá a capacidade de desfrutar do nosso trabalho. Poder comer, beber e encontrar satisfação em nosso labor é um dom divino.

Ani akka namootaaf bara jireenya isaanii keessa wanni gammaduu fi waan gaarii hojjechuu caalu tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Allaaha ti.

Anis akka namni bara jireenya isaa kan Allaahan isaaf kenne gabaabaa kana keessa nyaatee dhugee hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabe sanatti illee gammaduun isaaf gaarii fi barbaachisaa taʼe nan hubadhe; qoodni isaa kanumaatii.

Akkasumas Allaahan nama kamiifuu badhaadhummaa fi qabeenya kennee akka inni itti gammadu, akka inni qooda ofii isaa fudhatee hojii ofii isaatti gammadu isa godhuun isaa, kennaa Allaaha ti.

Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif

nama tokko irra nama lama wayya:

Nama kophaa isaa jiraatu tokkotu jira;

innis ilma yookaan obboleessa hin qabu ture.

Yeroo hunda hojiitti dadhaba;

taʼus iji isaa qabeenya isaa ilaalee quufe hin jedhu.

Innis, "Ani eenyuuf jedheen dadhaba?

Maaliifan gammachuus of laga?" jedhee gaafate.

Kunis faayidaa hin qabu;

hojii buʼaa hin qabnee dha!

Anis akka dadhabbiin hojii hundii fi milkaaʼuun hundi hinaaffaa namni ollaa isaa wajjin qabu irraa burqu nan arga. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.

A responsabilidade cristã

O cristão deve trabalhar com suas próprias mãos, viver dignamente e ser exemplo de dedicação. Quem não trabalha, não coma.

Nu yommuu isin bira turretti ajaja, "Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin" jedhu isinii kenninee turreetii.

Akka isin keessaa namoonni tokko tokko dhibaaʼota taʼanii jiraatan dhageenyeerraatii. Isaan dhimma nama biraa keessa galuu malee ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan. Namoonni akkanaa akka gab jedhanii hojii hojjetanii fi akka buddeena ofii isaanii nyaataniif Gooftaa Iisaa Al-Masiihiin isaan ajajna; ni gorsinas.

akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa; kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.

Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu.

Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Allaahan ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.

Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Allaahatiif kaaʼameera; namni boqonnaa Allaahatti galu kam iyyuu akkuma Allaahan hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota.

Eebbi Allaah keenya Gooftichaa nurra haa buʼu;

hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi;

eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.

Mee simbirroota shamaayʼun ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?

Isin gaarii hojjechuuf yoo hinaaftan, eenyutu isin miidha?

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hojii ani hojjedhu ni hojjeta. Ani waanan gara Abbaa dhaquuf inni waan kana caalu iyyuu ni hojjeta.

Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Iisaa natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis injiila ayyaana Allaahatiif dhugaa baʼuu dha.

Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-