A volta de Jesus
A volta de Jesus é uma das maiores promessas da Bíblia. Cristo prometeu que retornará em glória, e os cristãos vivem na expectativa desse dia triunfante.
A promessa do retorno
Jesus prometeu aos discípulos que voltaria. Os anjos confirmaram essa promessa na ascensão, e os apóstolos ensinaram que Ele virá com poder.
Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii. Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.
Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.
Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Shamaayʼun ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. Akkanas jedhaniin; "Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Shamaayʼun ilaaltu? Iisaan innumti isin biraa shamaayʼuniitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni shamaayʼuniitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa."
Inni waan kana dhugaa baʼus, "Eeyyee, ani dafee nan dhufa" jedha.
Ameen. Yaa Gooftaa Iisaa kottu.
"Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna.
Os sinais e o momento
Ninguém sabe o dia nem a hora. Jesus alertou sobre falsos sinais e nos chamou à vigilância constante, pois Ele virá como ladrão na noite.
"Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; malaʼikkoonni shamaayʼun irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku. Akkuma bara Nuuhi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa. Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nuuhi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii. Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa.
"Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; malaʼikkoonni shamaayʼun irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.
Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu; akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii. Utuma namoonni, "Nagaa dha; qabbanas" jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.
"Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii. Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture. Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.
Yaa obboloota, waaʼee dhufaatii Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii fi waaʼee isa biratti walitti qabamuu keenyaa wanni nu isin kadhannu kana; kunis raajii yookaan dubbii yookaan xalayaa akka waan nu biraa dhufeetti hedamuun akka isin guyyaan Gooftaa ammuma iyyuu dhufeera jettanii daftanii hin raafamneef yookaan hin jeeqamneef. Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii. Innis waan Allaah jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; "Ani Allaah" ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Allaaha keessa taaʼa.
A glória da segunda vinda
Cristo voltará nas nuvens, com poder e grande glória. Os mortos em Cristo ressuscitarão, e os vivos serão arrebatados para encontrá-lo nos ares.
Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee malaʼikkaa hangafaatii fi sagalee malakata Allaahatiin shamaayʼun irraa ni buʼa; warri Al-Masiihitti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
"Bara sana keessa garuu dhiphina sana booddee,
" ‘Aduun ni dukkanoofti;
jiʼis ifa ishee hin kennitu;
urjiiwwan shamaayʼun irraa ni harcaʼu;
humnoonni shamaayʼuniis ni raafamu.’
"Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu. Innis Malaʼikkoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan shamaayʼuniiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.
"Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin malaʼikkoota Allaaha hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa. Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa. Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa.
Anis shamaayʼun baname nan arge; kunoo, farda adii tokkotu ture; inni farda sana yaabbatus Amanamaa fi Dhugaa jedhama. Innis qajeelummaadhaan murteessa; waraana kaasas. Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba. Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Allaaha jedhama. Loltoonni shamaayʼun irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan. Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; "Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha." Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita. Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha:
Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.
Nama anattii fi dubbii kootti qaanaʼu kam iyyuu Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin, ulfina Abbaatii fi ulfina malaʼikkoota qulqulluutiin dhufutti isatti ni qaanaʼa.
Vivendo na expectativa
A certeza do retorno de Cristo nos chama a viver em santidade, aguardando novos céus e nova terra onde habita a justiça.
Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti. Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Shamaayʼuniiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni shamaayʼuniiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.
Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Allaahaf bulu jiraachuu qabdu; kanas guyyaa Allaaha eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana shamaayʼuniiwwan ibiddaan badu; wanni shamaayʼuniiwwan keessa jirus hoʼaan baqa. Nu garuu akkuma waadaa isaatti shamaayʼuniiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.
Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana akkasuma immoo Al-Masiihiin cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.