12 Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa,
ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte!
Ati kan duraan saboota gad qabde,
lafatti gad darbatamteerta!
13 Ati garaa keetti akkana jette;
"Ani samiitti olin baʼa;
ani urjiiwwan Waaqaatii olitti
teessoo koo olin baafadha;
ani tulluu wal gaʼii irra,
fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa.
14 Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa;
ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa."
15 Garuu ati siiʼool keessa,
boolla qilee keessa buufamteerta.