Fayyisaa Israaʼel Tokkicha
1 Amma garuu yaa Yaaqoob, Waaqayyo inni si uume,
yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha:
"Ani si fureeraatii hin sodaatin;
ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti.
2 Yommuu ati bishaan keessa dabartu,
ani si wajjinan jira;
yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan.
Yommuu ibidda keessa deemtu,
ati hin gubattu;
arrabni ibiddaas si hin gubu.
3 Ani Waaqayyo Waaqni kee,
Qulqullichi Israaʼel Fayyisaa keeti;
ani biyya Gibxi furii keetiif,
qooda kee immoo Kuushii fi Saabaa nan kenna.