Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Phexros 3

20 isaanis bara Nuuhi keessa utuu dooniin ijaaramaa jiruu, yeroo Allaahan obsaan eegetti warra hin ajajaminii dha. Doonii kanaanis nama muraasa, walumatti nama saddeeti qofatu badiisa bishaanii jalaa baʼe; 21 bishaan kun fakkeenya cuuphaa amma iyyuu isin fayyisuu ti; kunis dhagna irraa xurii baasuu utuu hin taʼin qalbii qulqulluun Allaahaf waadaa galuu dha. Innis duʼaa kaʼuu Iisaa Al-Masiihiin isin fayyisa; 22 Al-Masiihiin shamaayʼuniitti ol baʼee mirga Allaaha jira; malaʼikkoonni Allaaha, aangoowwanii fi humnoonni hundinuu isa jalatti bulu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também