Allaahaf Jiraachuu
1 Kanaafuu waan Al-Masiihiin foon isaatiin dhiphateef isinis yaaduma akkasiitiin hidhadhaa; sababiin isaas inni fooniin dhiphate cubbuu dhiiseera. 2 Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Allaahatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu. 3 Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqeffatamtoota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu. 4 Isaanis sababii isin gara jireenya gad dhiisii akkasiitti isaan wajjin hin fiigneef ni dinqisiifatu; isin arrabsus. 5 Garuu isaan Allaah warra jiranii fi warra duʼanitti muruuf qophaaʼe sana duratti deebii ni kennu.