2 karra hoolotaa Allaaha kan tika keessan jala jiru eeguudhaan tiksoota taʼaa; kanas sababii dirqamtaniif utuu hin taʼin fedhiidhuma keessaniin akka Allaahan akka isin taatan barbaadutti, buʼaa nama qaanessu argachuuf utuu hin taʼin hawwii guddaa tajaajilaaf qabdaniin godhaa; 3 karra hoolotaatiif fakkeenya taʼaa malee warra imaanaa isinitti kennaman sana humnaan hin bulchinaa. 4 Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.
Dargaggootaaf
5 Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa;
"Allaahan of tuultotaan ni morma;
warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii."5:5 Fak 3:34