Maanguddootaa fi Dargaggoota
1 Nama dulloome tokko akka waan inni abbaa kee taʼeetti gorsi malee hin ifatin. Dargaggootas akka obbolootaatti ilaali; 2 dubartoota dullooman akka haadhotiitti, dubartoota shamarran akka obboleettotaatti qulqullummaa guutuun ilaali.