Publicidade

2 Coríntios 4

7 Garuu akka humni waan hunda caalu kun Allaah irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna. 8 Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu; 9 ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu. 10 Akka jireenyi Iisaa dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Iisaa dhagna keenyatti baannee deemna. 11 Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Iisaaf jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii.

Veja também

Publicidade
2 Coríntios
Ver todos os capítulos de 2 Coríntios
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-