8 Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Injiilaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Allaahatiin na wajjin hirmaadhu; 9 Allaahan sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Al-Masiihi Iisaatiin nuu kenname; 10 amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Al-Masiihi Iisaa isa karaa injiilaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
Publicidade
Publicidade