Waan Guyyoota Dhumaa Keessa Taʼu
1 Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu. 2 Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Allaah arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, 3 warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne,