12 Allaah Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa. 13 Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii; 14 nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.
Ol aantummaa Ilma Allaah
15 Inni fakkaattii Allaah hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa. 16 Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni shamaayʼun keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman. 17 Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.