9 Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif
nama tokko irra nama lama wayya:
10 Yoo inni tokko kufe,
inni kaan ol isa qaba.
Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne
garaa nama nyaata!
11 Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa;
nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa?
12 Namni tokko moʼatamuu dandaʼa;
namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu.
Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.