Pular para o conteúdo
Publicidade

Efesoon 6:14-18

KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

14 Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa; 15 qophaaʼummaa injiila nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa. 16 Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa. 17 Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Allaaha ti.

18 Duʼaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan duʼaa godhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa duʼaa godhaa.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    14 ኤጋ ሙዺኬሰን ዹጋን ህዸዻቲ፣ ቆሜ ስቢላ ከን ቀጄሉማስ ኡፈዻቲ ጀባዻ ዻበዻ፤ 15 ቆጳኡማ ወንጌለ ነጋ አከ ኮጴት ሚለኬሰንት ካአዻ ዻበዻ። 16 ከነ ሁንዱማረትስ ጋቸነ አመንቲ ከን ጥየ ቦበኣ ሀማ ሰና ሁንደ እቲን ዻምሱ ደንዴሰን ቀበዻ። 17 ቆቢ ስቢላ ከን ፈይና ካአዻ፤ ጎራዴ ሀፉራስ ቀበዻ፤ እንስ ዱቢ ዋቃት።

    18 ከዸትናፊ ዋመተ ጎሰ ሁንዳ ኬሰት ዬሮ ሁንደ ሀፉራን ከዸዻ። ከነስ ያደት ቀበቻ ዬሮ ሁንደ ደመቃቲ ቁልቁሎተ ሁንዳፍ ጀባዻ ከዸዻ።

  2. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    14 Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa; 15 qophaaʼummaa wangeela nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa. 16 Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa. 17 Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti.

    18 Kadhannaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa kadhadhaa.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.