Iddoo Yaadame Gaʼuuf Fiiguu
12 Al-Masiihi Iisaan waan kan ofii isaa na godhateef anis waan kana harkatti galfachuuf nan fiiga jechuudha malee waan kana hunda argadheera yookaan nama hirʼina hin qabne taʼeera jechuu miti. 13 Yaa obboloota, ani akka waan harkatti isa galfadheetti hin ilaalu. Waan tokko garuu nan godha: Waan na duuba jiru irraanfadhee gara waan fuula koo dura jiruutti nan hiixadha; 14 badhaasa Allaahan Al-Masiihi Iisaadhaan ol shamaayʼunitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
15 Nu warri bilchaatoon hundinuu waan akkanaa haa yaadnu. Yoo waan tokko tokko irratti yaada garaa garaa qabaattan garuu kanas Allaahan isinii ibsa.