5 Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Allaah utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama. 6 Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti. 7 Namni sun waan tokko illee Gooftaa biraa nan argadha jedhee hin eeggatin; 8 inni nama yaada lamaa ti; iddoo tokkos hin dhaabatu.
Publicidade
Publicidade