10 Sababiin isaas namni seera guutummaatti eegee waan tokko qofa cabse kam iyyuu akka waan seera hunda cabseetti ilaalamaatii. 11 Inni, "Hin ejjin" jedhe sun akkasuma immoo, "Hin ajjeesin" jedheeraatii. Ati yoo ejjuu baatte illee nama ajjeefnaan seera cabsiteerta.
12 Isin akka warra seera nama bilisoomsuun itti muramuutti dubbadhaa; hojjedhaas;