Publicidade

Tiago 2

Amantii fi Hojii

14 Yaa obboloota ko, namni tokko yoo, "Ani amantii qaba" jedhee garuu hojiin argisiisuu baate, kun faayidaa maalii qaba? Amantiin akkanaa isa fayyisuu dandaʼaa ree? 15 Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu. 16 Isin keessaa yoo namni tokko, "Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas" isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree? 17 Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-